ONM-ABO Waxabajjii 10, 2024
Murni waraana bilisummaa Oromoo ofirratti sodaachuun uummata hiraarsaa oolu bilxiginnaan, Oromiyaa godinoota hedduu keessatti hidhaa, saamichaa fi ajjeechaa jumlaa akka furmaataatti qabatee raawwachaa jira.
Haaluma kanaan Lixa Shaggar aanaa Tokkee Kuttaayee waajjira Poolisii magaalaa Gudaritti kanneen yeroo dheeraa fi gaaffii malee hidhamanii jiranii fi torbee kana keessa hidhamaa jiran kan maqaa arganne muraasni Baqqalaa Araarsaa, Baqqalaa Magarsaa, Aadde Guddisee, Gaaddisaa Lammii, Gurmeessaa Milkeessaa, Dhaabbataa Lataa, Aadde Tolashii, Shifarraa Ayyalaa, Guddisaa Badhaadhaa, Tsaggaayee Tarreessaa, Iddoosaa Jiksaa, Alamuu, Guddisaa Diroo, Guutamaa, Mokonnin Eebbisaa fi Aadde Xajjituu kan jedhaman maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertan jedhuun hidhanii dararaa jiraachuu ibsan.
Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Poolisii akka maqaan isaa dha’amu hin feene tokkorraa odeeffate jedhetti, sodaa WBO irraa sirnichi qabuuf malee namootni kun badii tokkollee qabaatanii miti jechuun ONM’f ibsee jira.

