Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Jalduutti maqaa waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhuun namoonni jumlaan hidhaatti guuramaa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024

Gareen barbaachisummaa uummataa fi karooraan waliin jireenya hawaasaaf karoora hin qabne bilxiginnaan hoji-maata gabaabaa fi tooftaa badii hawaasaa qofaa baasee gidiraa raawwata.

Bu’aa xixxiqaan hawaasa goyyomsuuf miidiyaan holola sobaa facaasaa kan oolu murni maafi’aa PP sirna dhablummaa geggeessuun haadha irraa dhalataniif gara laafummaa dhabuun jaarrolee umuriin deeman mana hidhaatti darbee hiraarsuu itti fufeera.

Maqaa waraanni Bilisummaa Oromoo qe’ee kee keessa buufata, ilmaan kee miseensa WBO’ti, ni soorta, daandii agarsiiftaa fi kanneen biroo dha’uun godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu gandoota baadiyyaa irraa namoonni hidhamanii jiran hedduu akka ta’an jiraattonni ONM’tti himan.

Hidhamtoota siyaasaa ona Jalduu keessatti torban kana keessa hidhaman muraasni maqaan nu ga’e Aadde Galaanee Kumsaa umuriin 60, Birqee Baqqalaa  haadha maatii, Giddoo fi Obbo Baqqalaa Badhaasaa qaama miidhamaa kan ta’e ganda Kilbeetti kan hidhame ogguu ta’u, namoonni magaalaa Jalduu keessatti hidhaman ammoo hedduu akka ta’an beekameera.

Hireen saba Oromoo gara fuulduraa maal ta’uu mala, maal yoo goone wayya jedhanii yaaduu fi xiinxaluu dadhabuun hawaasa Oromoo impaayeera Itoophiyaa keessatti hidhaan gidirsuu fi ajjeesuu  bilxiginnaan hojii tarsiimawaa taasifatee jira.

Exit mobile version