ONM-ABO Mudde 13, 2023
Murni bilxiginnaa tooftaa adda addaa sababa godhachuun yeroo ammaa Oromiyaa bakkeewwan hedduutti namoota dirqamaan afaan qawween walgayii yaasuun walgayicha irraa humnaan guuruun akka waan waraana bilisummaa Oromoo waliin walitti dhufeenya qabanii fakkeessuun adda waraanaatti ergaa jiru.
Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa jechuun Muddee 12, 2023 lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii ganda Qacama Waleesuu keessaa namootaan dhimma nageenyaa fi misooma naannoo keenyaa irratti mari’anna jechuun sobanii hawaasa walgayii yaasuun namoota 99 walgayicha irraa fuudhanii deemuun konkolaataatti naqanii gara waajjira poolisii aanichaa magaalaa Shinootti naqanii jiraachuu jiraattonni himu.
Namoota mana hidhaatti guuramanii jiran keessaa kan maqaa argannee Dhaabaa raggannee, Mul’ataa Tufaa, Dibaabaa Lammeessaa, Tolaa Gadaa, Badhanee Gadaa, Baqqalaa Waaqee fi Girmaa Kabbadaa kanneen jedhamaniidha.
Namoonni guuraman kunneen irra caalaan isaanii dargaggoota fi abbaa maatii yoo ta’aan teessuma aangoo isaaniif jecha namoota mirga lubbuun jiraachuu qabu humnaan gara du’aatti oofaa jirus jedhan.
Akkasuma dargaggoonni Oromoo lola isaan hin ilaallanne irratti lubbuu isaanii aarsaa akka hin goonee fi of eegannoon akka socho’an dhaamsa keenya biraan nuuf ga’aa kan jedhan jiraattota aanaa Meettaa Roobiiti.

