Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobiitti dararaa fi saamichi uummata irratti cimee itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 8, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii ganda Hulluuqoo Birbirsaa jedhamu keessatti Bitootessa 4, 2025, sirni nama nyaataan PP ilmaan keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti maqaa jedhuun  namoota maqaan isaanii:

  1. Abarruu Urgaa 
  2. Damshuu Gonfaa
  3. Gonfaa Araddaa kanneen jedhaman 

milishoonni gandichaa dhagaa irra ciibsanii reebicha ulfaataa irratti raawwachuun dhaga’amee jira.

Kana malees namootuma reebicha irratti geggeessan kanneen qabeenya isaanii loon 12 fi midhaan ardaba 10 jalaa saamuun isaaniin ammoo qabanii mana hidhaatti galchanii gidirsaa jiraachuu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Sirni cubbamaan impaayerattii kan qe’een isaa dabaa fi jallinaan guute, hannaa fi saamicha lammiilee nagaatiin ijaarsa ishee jabeessuun har’as gidiraa hamaan hawaasa miidhaa jirti. 

Keessattuu sirni nama nyaataa fi garboomfataan abbaa irree Bilxiginnaa, yeroo ammaa kana immoo bifa adda ta’een gochoota suukkanneessaa adda addaa kan hangana hin jedhamne haala duraan baratameen olitti lammiilee nagaa irratti raawwachaa jiraachuu isiniif gabaasaa turuun ni yaadatama.

Exit mobile version