Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Walqixxeetti waraanni Bilxiginnaa barattoota irratti dhukaasa banuun daa’imman 4 madeessuun dhaga’ame 

ONM-ABO Bitootessa 29, 2025 

Waraanni sirni garboomfataan impaayerattii godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee ganda Baqoo Jal’isaa keessatti bobbaase barattoota irratti dhukaasa banuun miidhaa qaamaa qaqqabsiisanii jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.

Haaluma kanaan kaleessa Bitootessa 28, 2025 akka Impaayerattiitti guyyaa keessaa toora sa’a 6:00’tti dirree mana barumsaa ganda Baqoo Jal’isaatti barattoota mooraa barnootaa keessa tuutaan jiran irratti gara jabeeyyiin loltoota faashistii PP dishqaa itti dhukaasuun battalatti namoota 4 kanneen umurii daa’imummaa keessa jiran madoo ulfaataa irraan ga’uun addeeffameera.

Barattoota miidhaan irratti qaqqabe kunneen maqaan isaanii:

  1. Barataa kutaa 1’ffaa Yohaannis Fayisaa harkarra kan mada’e,
  2. Barataa kutaa 2’ffaa Dajanee Iyyaasuu harkaa fi gurra kan madaa’e,
  3. Barataa kutaa 2’ffaa Dajanee Tulluu garaarra madaa’e
  4. Barataa kutaa 1’ffaa Saamuu Booxxoo  harka kan madaa’e yoo ta’u, 

barattoonni kunneen mana barumsaa sadarkaa 1’ffaa kutaa 1-8 ganda Baqoo Jal’isaatii akka baratan ta’uu ONM odeeffateera.

Exit mobile version