ONM-ABO Bitootessa 29, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa magaalaa Qilxuu Kaarraatti waraanni faashistii PP kanneen mooraa isaanii mana barumsaa sadarkaa 2’ffaa bakka addaa Gurraalee jedhamu keessa quubsuma taasifatanii jiran barattoota shamarranii barnootaaf daree seenan karaatti ukkaamsuun gudeeddaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen ONM’f eeraniiru.
Barattoota shamarranii daree barnootaa keessa seenuun barnoota hordofanis sa’atii fedhanitti barnoota addaan kuchisiisuun ati dhufuu baannaan maatii kee ajjeefna jechuun doorsisa irratti taasisanii fedha isaaniin alatti dhiibbaa daangaa darbes raawwachaa akka jiran ibsameera.
Keessattuu shamarran mana fincaanii deemuu ugguramuun karaalee ittiin sochii kamuu godhan dhabanii kanneen barnoota dhiisaa jiran danuu ta’uu fi barsiisonni mooraa mana barumsichaas doorsisa loltoota koloneel Abiy Ahimed kanaan irratti raawwatamuun hojiin baruu fi barsiisuu itti ulfaatee akka jirus ONM yaada barattoota kanneenii irraa qulqulleeffateera.

