ONM-ABO Muddee 30, 2025
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horrootti humnoonni maafiyaa PP ijoollee barattoota shamarranii irratti yakka gudeeddaa raawwachaa jiran daran cimsanii itti fufuun barattoonni hedduun umrii kichuu keessa jiranis shiftoota kanneeniin gudeedamanii miidhaa qaamaa jabaan irra akka gahes ibsaniiru.
Bifuma kanaanis aanaa Horroo mana barnootaa sadarkaa 1ffaa magaalaa keessa qubsuma godhatanii kan jiran loltoonni abbaa irree Bilxiginnaa barattoota shamarranii dirqamaan gudeedaa jiraachuun cinatti shamarran kunneen akka qaama birootti hin himanneef doorsisaa akka jiranis jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Sababa kanarraa kan ka’e barattoonni baayyeen mana barnootaa addaan kutaa akka jiran itti dabaluun jiraattonni dubbisne ibsanii jiru.
Kana malees dargaggoota ammoo doorsisuun barattoota shamarranii waliin akka hin deemnes godhanii obboleeyyan garaa tokkoo danuus addaan baasaa akka jiranii fi maal isin galche jechuun reebicha irratti raawwachuus itti dabaluun addeessaniiru.

