• Fri. Mar 13th, 2026

Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horrootti gudeeddaan shamarran irratti loltoota murna Bilxiginnaan jabaachuun ifoome 

Dec 30, 2025

ONM-ABO Muddee 30, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horrootti humnoonni maafiyaa PP ijoollee barattoota shamarranii irratti yakka gudeeddaa raawwachaa jiran daran cimsanii itti fufuun barattoonni hedduun umrii kichuu keessa jiranis shiftoota kanneeniin gudeedamanii miidhaa qaamaa jabaan irra akka gahes ibsaniiru.

Bifuma kanaanis aanaa Horroo mana barnootaa sadarkaa 1ffaa magaalaa keessa qubsuma godhatanii kan jiran loltoonni abbaa irree Bilxiginnaa barattoota shamarranii dirqamaan gudeedaa jiraachuun cinatti shamarran kunneen akka qaama birootti hin himanneef doorsisaa akka jiranis jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Sababa kanarraa kan ka’e barattoonni baayyeen mana barnootaa addaan kutaa akka jiran itti dabaluun jiraattonni dubbisne ibsanii jiru.

Kana malees dargaggoota ammoo doorsisuun barattoota shamarranii waliin akka hin deemnes godhanii obboleeyyan garaa tokkoo danuus addaan baasaa akka jiranii fi maal isin galche jechuun reebicha irratti raawwachuus itti dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading