• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraatti barattoota shamarranii irratti waraanni garboomfataan PP gudeeddaa raawwachaa jiraachuun beekame

Mar 29, 2025

ONM-ABO Bitootessa 29, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa magaalaa Qilxuu Kaarraatti waraanni faashistii PP kanneen mooraa isaanii mana barumsaa sadarkaa 2’ffaa bakka addaa Gurraalee jedhamu keessa quubsuma taasifatanii jiran barattoota shamarranii barnootaaf daree seenan karaatti ukkaamsuun gudeeddaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen ONM’f eeraniiru.

Barattoota shamarranii daree barnootaa keessa seenuun barnoota hordofanis sa’atii fedhanitti barnoota addaan kuchisiisuun ati dhufuu baannaan maatii kee ajjeefna jechuun doorsisa irratti taasisanii fedha isaaniin alatti dhiibbaa daangaa darbes raawwachaa akka jiran ibsameera.

Keessattuu shamarran mana fincaanii deemuu ugguramuun karaalee ittiin sochii kamuu godhan dhabanii kanneen barnoota dhiisaa jiran danuu ta’uu fi barsiisonni mooraa mana barumsichaas doorsisa loltoota koloneel Abiy Ahimed kanaan irratti raawwatamuun hojiin baruu fi barsiisuu itti ulfaatee akka jirus ONM yaada barattoota kanneenii irraa qulqulleeffateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading