ONM-ABO Adoolessa 3, 2024
Murni maqaa mootummaan aangoorra jiru bilxiginnaan, maqaa “nagaa” dha’aa madda jeequmsaa kan ta’e nagaa fi diimokiraasii maqaatti malee hojiin raawwatanii kan hin beekne, gochoota dabaa uummata irratti dalagaa oolan malee hidhaan namoota hiraarsuu hammessanii jiraachuun beekamaadha.
Haaluma kanaan Lixa Wallaggaa aanaa Qilxu-Kaarraa bulchiinsa magaala Qilxuu Kaarraa keessatti Adoolessa 2, 2024 waraanni sirnichaa barattoota waraqaa ragaa kutaarraa gara kutaatti ittiin darban fudhachuuf ganda baadiyyaa Guyyoo Saccii irraa dhaqan WBO biraa dhuftan jechuun dargaggoo Fayyisaa Bal’inaa barataa kutaa 8’ffaa fi Daawwit Waannaa barataa kutaa 7’ffaa qabuun Waajjira Poolisiitti geessanii hiraarsaa jiraachuu ONM’f himan.
Akka Arratni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota naannichaa dubbise jedhanitti dargaggootni kunneen badii dalaganii osoo hin taane Oromummaan yakkamanii qabamuu dubbachuun, gocha hidhaa raawwachaa jiran malee aanaa Qilxuu Kaarraatti namoota hedduu lubbuun illee obbaasaa jiraachuu fi gocha dhala namaa irratti hin raawwatamne hedduun dalagamaa jiraachuu maddeen himan. Aanicha keessa jiraachuuf, ofii fi ijoollee keenyaafis yaaddoo keessa jirra kan jedhan jiraattota ona Qilxuu Kaarrati.

