Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii keessatti hidhattootni garee maafi’aa PP gara laafina tokko malee abbaaf ilma rasaasa itti roobsuun ajjeessuun dhagaa’ame

ONM-ABO Hagayya 12, 2023

Akkuma aadaa Oromootti namuu gaafa gaddaa fi Gammachuu ba’ee gammachuus ta’e gadda kan waliin qooddatu yoo ta’u, bara bulchiinsa murna abbaa irree PP garuu hawaasni ganda isaa keessaa ba’ee bakka birootti yoo imale gaaffiin garaagaraa hidhattootaan irratti dhiheefamuun ajjeechaa, hidhaa fi reebichaan gidirfamuun uummanni Oromoo rakkoo hamtuu keessummeessaa jira.

Haaluma kanaan lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii ganda Warabboo iddoo addaa Laga Waranbulchii jedhamutti namoota du’a ga’ii namaa dhaqanii galuuf jiran keessaa abbaaf ilma waamuun erga gaaffii adda addaa irratti dhiheessaa turaniin booda gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeessanii maatiin illee akka reeffa hin kaafanne gochuun dhorkanii turan jechuun jiraattootni himan.

Namoonni ajjeefaman kun gaafa Hagayya 8, 2023 yoo ta’u maqaan abbaa fi ilma ajjeefamanii kunis Tarraffaa Tarreessaa fi Tarreessaa Tolasaa kan jedhaman yoo ta’u namoota birmachuu dhaqan ammoo reebicha ulfaataa irratti rawwachuun nama sagal fuudhanii deemuun bakki isaan geessan hin beekamin jiras jedhaniiru.

Akka jiraattootni ollaa isaanii tokko tokko dubbatanitti gochi namoota nagaa irratti raawwatame kun kan isaan aarsee fi gaddisiise ta’uu dubbachuun gochoonni akkanaa yeroo hedduu aanaa isaanii keessatti irra deddeebiin raawwatamaa akka jiru ibsuun ammas waanti qonnaan bultoota homaa hin beekne irratti raawwatame kun boru mana keenya tokko tokkoon waan seenuuf tokkummaa nu feesisa, tokkummaan dhaabbannee diina kana of irraa ittisuu qabna jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version