Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobiitti saamichi, manneen gubachuu fi lubbuun namaa loltoota sirnichaan darbuu jiraattotni ONM’tti himan

ONM-ABO Waxabajjii 25, 2024

Sirni cubbamaan dhiiga qulqulluu dhangalaasuun gadaa aangoo isaa dheereffachuuf dhama’u, rakkoo dinagdee isa mudatee jiruufis uummata harka duwwaa jirutti waraana bobbaasuun saamicha irratti raawwachuu dabalatee  manneen isaanii jalaa gubuun lubbuus obbaasaa jira.

Haaluma kanaan Godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii gandoota baadiyyaa mara keessatti gara laafina tokko malee WBO nyaachiftan jechuun qe’ee isaarraa godaansisaa jiraachuun gariin gubaa kan jiran Waxabajjii 22, 2024 irraa kaasuun bifa haaraan itti fufuun hanga har’aatti mana 18’tii ol gubanii barbadeessanii jiraachuu jiraattotni ONM’tti himan.

Namootni manneen isaanii jalaa gubateef saamaaman kun ganda Goolaa Gurjii keessaa Innabbab Nigaatuu, Aftoo Taaddasaa fi Baayisee Bayyanaa yoo ta’an,  ganda Warqee Waleensuu keessaa ammoo Baqqalaa Beeggii, Biraanuu Gabbisaa, Alamuu Araarsaa, Toleeraa Warquu fi Guutamaa Hundee ti.  Ganda Amuumaa Dilalloo  keessaa ammoo  Dhaabaa Dirribaa Shaamuu, Dabalaa Yaadasaa, Tolosaa Dabalaa, Caalaa Dhaabaa, Yeshii Waaqet, Dhaabaa Dirribaa Koorsaa, ganda Mooxxee Roobii irraa Naggasaa Ba’ii, Kaasoo Naggasaa ilma isaa, ganda Uqqoo Haroo irraa Abarraa Qajeelaa Fayyisaa fi Taadduu Soorii ganda Laga Roobii 01 keessaa Mana Muluu Tufaa qabeenya waliin gubanii yoo barbadeessan, ganda Koyyee Gicii keessaa ammoo Gammachuu Gammadaa jalaa Loon offatanii deemanii jiru.

Aanaadhuma kana ganda Warqee Waleensuu keessattis Waxabajji 24, 2024 dargaggoo maqaan isaa Dachoo Dhaabaa jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii darbanii jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version