Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobiitti gubaatiin manneen namootaa loltoota PP’n raawwatamuu fi reebichis hawwan irratti geggeeffame

ONM-ABO Waxabajjii 21, 2024

Fuula isaanii gara qe’ee uummata Oromoo goolessuu fi gubanii barbadeessuutti kan deeffatan loltoonni murna PP  sagantaa qabeenya uummataa akka qabeenya diinaatti mancaasuu jedhu baafataniin uummanni Oromoo manaa ala ta’anii rakkoo ulfaataa keessa akka jiran jiraattotni achirraa dubbisne ONM’tti himaniiru.

Haaluma kanaan guyyaa dheengaddaa jechuun Waxabajjii 19, 2024 hidhattootni murna bilxiginnaa manneen namoota hedduu Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii gandoota akka Soyyee fi Amuumaa Dadinoo jedhamu keessaa mi’a mana keessaa waliin gubanii barbaadeessuu jiraataan achirraa dubbisne ibse.

Maqaa namoota manneen isaanii jalaa gubachuun barbadaa’e kanneenis jiraataan kun akka armaan gadiitti eerera.

Naggasaa Bayii mana lama mi’a mana keessaa waliin guutummatti, ilma isaa Kaasuu Naggasaa Abbaa ijoollee lamaa kan ta’e mana tokko mi’a mana keessaa waliin, Caalaa Dhaabaa, Dhaabuu Dirribaa, Tolasaa Dabalaa, Yaadasaa Dhaabaa fi Dhaabaa Dirribaa kanneen jedhaman jalaa qabeenyaa isaanii mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubanii  barbaadeessuu jiraataan gandichaa gochoota kanneen irratti raawwatame ijaan arge ibseera.

Akka jiraataan maqaan isaa akka eeramu hin feene kun jedhetti hidhattootni kunneen baayinaan magaalaa aanichaa Shinoo irraa gara gandichaatti barii barraaqaan imaluun gochoota badii uummata haamilee buusu kana raawwachuus dabaluun ibseera.

Uummanni gochoonni kunneen irratti raawwatame kunneenis yeroo ammaa haala yaadessaa keessa akka jiranii fi maatii waliin gargar faca’anii jiraachuu isaanii  illee dubbata.

Rakkoo hawaasni kun keessa jiru jiraataa gandoota kanneenii ONM hasofsiise waan jiruuf oduu kanaan booda kan isiniif dhiheessinu ta’a.

Exit mobile version