Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii fi Aanaa Jalduutti waraanni faashistii PP namoota nagaa sadii rasaasa itti roobsun ajjeesan

ONM-ABO Ebla 26, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Siibaatti Ebla 24, 2025 namoota maqaan isaanii: 

  1. Damee Raggaasaa Gammachuu fi 
  2. Naggasaa Dheerressaa Hurrisaa 

jedhaman badii tokko malee loltoonni maafiyaan PP rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattotni himan.

Kana malees godinuma Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii ganda Warqee Waleensuutti Ebla 24, 2025 nama maqaan isaa Tasfaayee Dhaabaa Jamaree jedhamu osoo inni daandii irraa gara maatiitti galaa jiru bakka Waraanni Bilisummaa Oromoo jiru nu geessi jechuun erga qabanii booda daandii walakkaatti ajjeesanii gatuun beekame.

Murni maafiyaan PP Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo badii tokko malee ajjeesaa, hidhaa, saamaa akkasumas mana jireenyaa irratti gubuun buqqisaa kan jiru yoo ta’u, uummata nagaa tuttuqaa siyaasaa tokkollee hin qabne maqaa garaa garaa itti moggaasuun badii tokko malee dararaa hanga ajjeechaatti hiraarsaa jiru.

Exit mobile version