ONM-ABO Waxabajjii 12, 2024
Bidiruun baay’inaan godaantota Itoophiyaa feetee qarqara Yamanitti dhidhimte yoo xiqqaate namoota 49 galaafachuu Dhaabbatni godaantotaa Idil addunyaa (IOM) beeksiseera.
Kanneen balaa kanarraa hafan lubbuu baraartotatti akka dubbatanitti bidiruun kun godaaantota 250 ta’an feetee turte. Kan garagaltes bubbee hamaarraa kan ka’eedha.
Akka ibsa IOM’tti bidiruun dhidhimte godaantota 260 feetee turte. Kanneen keessaa 145 lammiilee Itoophiyaati. Kan hafan 115 ammoo lammiilee Somaaliyaati.
Warra du’anii fi baraaramaniin alatti namootni 140 ammallee achi buuteen isaanii hin beekamne.
Akka godaantotni balaa kanarraa lubbuun oolan jedhanitti dooniin kun Dilbata darbe Somaaliyaa Bosaasoo bakka jedhamurraa ka’uun gara Yaman qajeelan.
Dubbi himaan IOM Mohaammedali Abunajelaa balaan ammas qaqqabe kun nageenya godaantotaarratti hojiin hatattamaan hojjetamuu akka qabu agarsiiftuudha jedhan.
Gareen lubbuu baraaru bakka balaan kun qaqqabe naannoo Algareef jedhamutti bobba’uu himan.
Hanga ammaa kanneen du’uun isaanii mirkanaa’e keessaa 31 dubartoota, jaha ammoo daa’imman ta’uu dhaabbatichi ibseera.
Kanneen lubbuun baraaraman ammoo 71 ta’u. Lakkoofsi namoota du’aniis baraaramaniis yeroo yerootti dabalaa akka deemutu eegama.
Aangawoonni magaalaa Rudum kan Baha magaalaa guddoo Yamanitti argamtu akka jedhanitti bidiruu kana kanneen yaabbatan keessaa garri caalu lammiilee Itoophiyaadha.
Godaantonni kun Yaman keessa bahuun Sa’ud Arabiyaa seenuuf itti dhimma bahu.
Aangawaan bulchiinsa Rudum, Hadii al-Hurmaam, bidiruun kun kan dhidhimte qarqara galaanaa osoo hin gahin duradha jechuun Aljeeziraatii himaniiru.
Namoonni bakkicha turan lubbuu namoota hedduu baraaruun ibsameera.
”Barbaachi itti fufeera, waa’ee taatee mudatee Mootummoota Gamtoomaniitti gabaafameera,” jedhan.
Akka ragaan UN agarsiisutti, bara 2023 qofa godaantonni 97,000 biyya Yaman ofiifuu waraana keessa jirtu seenaniiru.
Hidhattootni Huutii Yaman keessa jiran dooniiwwan Galaana Diimaarra imalanirratti haleellaa raawwachuu itti fufanis godaantonni kun imala balaarraa oolchu hordofuun gara Yaman seenuu hin dhiifne.
Godaantota Jibuutiirraa ka’uun karaa seeraan alaa Galaana Diimaa qaxxaamuruun gara Sa’uud Arabiyaa fi biyyoota Galoo Galaanaa kan imalan yeroo garaagaraatti balaa suukanneessaan mudateera.
Imala balaafamaa kana keessatti lammiileen Itoophiyaa baayyinaan hirmaatu.
Namoota karaa seeraan alaa godaantota deddeebisaniif maallaqa guddaa kaffaluun alatti rakkoo fi dararaan akka isaan mudatu yeroo hedduu dubbatu.
Ebla darbe keessa qofa balaa doonii walitti aansee mudateen lammiileen Itoophiyaa 60 ta’an lubbuunsaanii darbeera.
Lammiileen Itoophiyaa jiruu fooyyee barbaacha gara Sa’udii imalan irra deddeebiin du’aaf saaxilamaa turuun isaanii ni yaadatama jechuun Aljeeziraan gabaaseera.

