Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lakkoofsi namoota doonii godaantotaa qarqara Galaanaa Yaman irratti caccabdeen du’anii 90 ol ga’e

ONM-ABO Hagayya 6, 2025 

Bidiruun godaantootaa qarqara galaanaa Yaman irratti liqimfamuun namoonni 90 ol du’uu isaanii qondaaltonni Yaman fi maddi Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa Kibxata kaleessaa AFP’tti himuun lakkoofsa kanaan dura himame haaromsaniiru.

Bidiruun irra caalaan godaantota Itoophiyaa fe’attee turte kun Wiixata darbe gara bulchiinsa Abyaan gara kibba Yamanitti osoo deemaa jirtuu liqimfamte.

Kibxata galgala maddi Yaman Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa (IOM) irraa akka ibsetti, reeffa lama, jalqaba irratti qurxummii qabattoota biyya keessaatiin erga qarqara galaanaa awwaalamanii booda argaman.

Kunis lakkoofsi namoota doonii kanaan du’uu mirkanaa’e 96tti ol guddiseera.

Kanaan dura maddi nageenyaa Yaman fi qondaalli naannoo Abyaan reeffi namoota 94 kan argamee fi irra caalaan isaanii awwaalamuu isaanii kan himan yoo ta’u, qondaalli naannoo kun ammallee reeffa qarqara galaanaatti bishaaniin baafamanii awwaalaman i akka jiru dubbataniiru.

Angawoonni akka jedhanitti, humnoonni nageenyaa fi michoonni mootummaa Abyan keessa jiran, iddoowwan kaampii godaantota qarqara galaanaa jiran, kanneen kontirobaandiin hojjetaman irratti sakatta’iinsa raawwataniiru.

Angawoonni naannoo fi Dhaabbata Godaantota Addunyaa IOM akka jedhanitti bidiruun kun namoota 200 ta’an fe’attee turte jechuun AFPn gabaaseera.

Exit mobile version