ONM-ABO Waxabajjii 12, 2024
Oromoon akka mataa ol qabatee hin deemnee fi qe’ee hawaasa Oromoo hunda keessatti gadda naqanii kan jiran kolonel Abiy fi ergamtoonni isaa, namoota nagaa siyaasa keenyaaf yaaddeessoodha warreen jedhan sababa tokko malee ajjeechaa irratti raawwachaa jiru.
Godinaalee Oromiyaa hundatti irra deddeebiin duulli uummata nagaa hidhuu fi ajjeesuu daran kan jabaate yommuu ta’u, ona Abaaboo Guduruu ganda Lalistuu Looyyaatti waraanni murna gabroomfataa PP “situ WBO’f haala mijeessa” jechuun nama maqaan isaa Araarsaa jedhamu Waxabajjii 2, 2024 onichatti akka hidhan jiraattotni himan.
Nama kanas mana hidhaa keessa guyyaa afuriif tursuun Waxabajjii 6, 2024 immoo mana hidhichaa keessaa baasuun haala suukkanneessaan rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattotni himan.
Onuma sanatti maqaa maatii keessantu WBO keessa jira jedhuun dararriin daangaa hin qabne hidhaa kaasee hanga ajjeechaatti irratti raawwatamaa akka jirus dabaluun dubbataniiru.

