ONM-ABO Waxabajjii 11, 2024
Sirni bulguun dhiiga dhangalaasee dhugee hin quufne bilxiginnaan, fedhii aangoorra turuu qabuuf Oromiyaa bakka hundatti uummata nagaa hidhaa, saamichaa fi ajjeechaa irratti raawwachaa jiruun hireen hawaasaa balaaf saaxilamee jira.
Haaluma kanaan Waxabajji 9, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Buukee Goorii iddoo addaa Qilxuu Abbaa Mootiitti bobba’uun waraanni sirnichaa namoota maqaan isaanii Girmaa Kumarraa, Kumarraa Nagaasaa, Jiraatuu Qajeelaa, Gaarii Dafaa, Heenok Gaarii, Abbaa Gammachuu, Saamu’eel Tasfaayee, Daagim Hiikaa, Tasfaayee Hiikaa fi Cuucee Imaanaa kanneen jedhaman qabanii deemaniiru.
Namoota qaban kanas isin Waraana Bilisummaa Oromoo quunnamtu jechuun Waajjira Poolisii Warra Jirruutti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen himan.
Kan hidhaatti darbanii jiran kana malees mana Obbo Goobanaa Dubuluu cabsanii seenuun qarshii 65,000 fudhatanii deeman.
Mararaa Daani’eel kan jedhamu Akaakayyuu obbo Goobanaa ammoo qabanii deemuun hidhaatti hiraarsaa jiru.

