Yaamicha Deeggarsa Duula Irbuu Shinnigaa Ilmaan Oromoo maraaf!
ABO-WBO Oromiyaa guutuu keessatti Duula Irbuu Shinniggaa je’amu gaggeessaa akka jiru Oromoon marti beeka jennee ti amanna. Seenaa wareegama gabaabdu itti, wareegamni hoggantoonni fi qondaalonni ABO kan akka:
1) Jaal Magarsaa Barii (Bariisoo Waabee),
2) Jaal Damissee Tacaanee (Gadaa Gammadaa),
3) Jaal Abboomaa Mitikkuu (Abbaa Xiiqii),
4) Jaal Irra Aanaa Qcalee (Abdi Nuur Sheek Hassan),
5) Jaal Faafam Dooyyoo,
6) Jaal Umar Caccabsaa,
7) Jaal Doorii Barii,
8) Jaal Dhadacha Boruu,
9) Jaal Dhadacha Mul’ataa fi
10) Jaal Marii Galaan Shinniggaatti asxaa tokkummaa Oromoo ta’uun wareegama ulfaataa baasan. Hoggantoonni ABO Shinniggaatti wareegaman akeeka diinni Oromoo amantii, gosaa fi gandaan gargar baasuuf carraaqe, nu Oromoo dha; bilisummaaf ummata Oromoof lolla, wanni gargar nu baasu hin jiru, tokkummaan wareegamne je’aniit diina itti gootummaan himanii wajjiin wareegaman. Boolla takka itti awaalaman.
Tanaaf jecha, Duulli Irbuu Shinniggaa duula hiika guddaa qabu dha. Hoggantoonni ABO-WBO fi Warraannii Bilisummaa Oromoo seenaa Irbuu Shinniggaa bu’uura tokkummaa tolfachuun fi waadaa Oromoof galan guutuuf, Duula Irbuu Shinniggaa jedhee moggaasee gaggeessaa jira. Waraanni Bilisummaa Oromoo murannoo fi gootummaa guddaan shira diinaa hunda fashalsee Duula Irbuu Shinniggaa geggeessaa jiru dhiheessii meeshaa fi rasaasaa lolaaf barbaachisu itti fufiinsaan guutuufii gaafaatata.
Waraannii Bilisummaa Oromoo duula seenaa qabeessa irra jiru kanaaf deeggarsa ummata Oromoo fi hunda keenyaa barbaada. Oromoon bilisummaa fi kabajaa namoomaa Oromootti amanu hundi gargaarsa diinagdee dandayu hunda akka Waraana Bilisummaa Orommoof (WBOf) godhu kabajaa obbolummaa fi Oromummaatin isin gaafachaa, WBO wajjiin dhaabbachuun, mirga mataa ofiitiif dhaabbachuu dha. Tanaaf jecha, deeggarsa Duula Irbuu Shinniggaatif gochuun, mirga mataa keenyaaf dhaabbachuu keenya haa mirkaneessinuu. Qaama seenaa bilisummaa Oromoo hojjatamaa jiruu haa taanu jennee waamicha isiniif goona.
Guyyaan Gumaachi kun itti gaggeeffamu Waxabajjii 15, 2024. Sa’aa 10:00AM akka
DCtti. Kallattiin ittiin walgahiin gaggeeffamu Zoom Link fi IDn armaan gadii ta’a.
https://us02web.zoom.us/j/88258955491?pwd=MGw3S2J1Q2k0MG52eGVNNmFwQ2Fxdz09
Webinar ID: 882 5895 5491
Passcode: 535615
Injifannoo Ummata Oromoof!
Jaal Qajeelaa Siraaj.

