Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Yaamicha Deeggarsa Duula Irbuu Shinnigaa Ilmaan Oromoo maraaf! – Jaarmiyaa ABO-WBO biyya Yemen

Moggaasa Seena Qabeessa”

DUULA IRBUU SHINIIGGAA itti Moggaasuudhaan Caamsaa 28/2028 irraa kaasee hanga har’aatti Jajjabeewwan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBOn) Goblaa WBO Zooniilee 8ttan jechuun:-

1,Zoonii Kaaba,
2,Zoonii Kibbaaa,
3,Zoonii Kibba-bahaa,
4,Zoonii Bahaa,
5,Zoonii Dhihaaa,
6,Zoonii Giddu Galaa,
7,Zoonii Harsadee fi
8,Zoonii Albuudaa/Gujii* keessatti Injifannoo boobsaatu galmaa’aa jira.

Yeroo Jaallawwan keenya Lubbuu qaalii jijjiirraa hin qabne nuuf laachaa jiranitti,…
Nuti hoo? Maalitti jirraa? Jennee, Mee of haa gaafannu?
Akka Ummataatti Biyyoota Ambaa adda addaa keessa kan jirru, Deeggartoonni, Miseensotni fi Jaallattoonni ABO-WBO gahee nurraa eeggamu bahaa jirraa?

Mee Akka Jaarmayaa ABO-WBO Idil-Addunyaatti
Waamicha Duula Irbuu Shinniiggaa taasifamaa jiru irratti ofii Fakkeenya taanee hirmaannee,… Hawaasa bal’aas itti haa hirmaachifnuu? Haa afeerruuu!!

Exit mobile version