ONM-ABO Waxabajjii 15, 2024
Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti maqaa Bobbaa Irbuu Shinniggaan fudhatu jabeessee itti fufee jira.
Haaluma kanaan jajjabeen onnee sibiilaa WBO’n Zoonii Bahaa godina Lixa Harargee aanaa Habroo araddaa 24 iddoo Dikkicha jedhamtutti dheengadda Waxabajji 13/2024 loltoota maafi’aa Abiy Ahimed sakattaa jettee bobbaate haleeluun 4 battalatti irraa ajjeesee 6 madeessee jira.
Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM 2 fi faalii lama irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasiseera.
Ergamtootni Abiy Ahimed maqaa WBO sakattaana jedhuun bobbaafaman addaan bittinnaa’uun erga baqattaniin booda wal funaanuun bakka irraa dhufanitti deebi’anii jiru.
Zoonii Bahaa godina Harargee lamaan keessatti sochii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo danquuf qondaaltotni fi caasaan bulchiinsa bilxiginnaa maree taasisaa fi waraana bobbaasaa jiranis baattotni imaanaa Jaal Elemoo Qilxuu addabbii barbaachisaa kennaafii jiraachuu ajajaan WBO zoonichaa ibsaniiru.

