ONM-ABO Waxabajjii 14, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti maqaa Bobbaa Irbuu Shinniggaan fudhatu jabeessee itti fufee jira.
Haaluma kanaan jajjabeen onnee sibiilaa WBO Zoonii Bahaa godina Lixa Harargee aanaa Habroo araddaa Dugdamii Afur iddoo Dikkicha jedhamtutti kaleessa Waxabajji 13/2024 loltoota maafi’aa Abiy Ahimed sakattaa jettee bobbaate haleeluun 4 battalatti irraa ajjeesee 6 madeessee jira.
Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM 2 fi faalii lama irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasiseera.
Ergamtootni Abiy Ahimed maqaa WBO sakattaana jedhuun bobbaafaman addaan bittinnaa’uun erga baqattaniin booda wal funaanuun bakka irraa dhufanitti deebi’anii jiru.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

