ONM-ABO Waxabajjii 14, 2024
Yeroo finxaaleeyyiin Amaaraa uummata Walloo weeraruun saamaa, mana gubaa, buqqisaa fi ajjeesaa turetti hawaasni kun deebii fi birmannaa Bilxiginnaa biraa dhabuun rakkoo ulfaataa keessa kan ture yoo ta’u, nagaa uummata kanaa tiksuu fi kabachisuuf osoo dirqama qabanii callisanii ilaaluun isaanii ofiiyyuu akka harka keessa qaban calaqisiisa.
Caasaaleen godinichaa olii hanga gadii jiran holola sobaa afarsuu fi jaarsolii biyyaa walitti qabuun siyaasa isaanii dirqiin uummata fudhachiisuu fi akka waan mooraa isaanii keessa nageenyi, wal dhageettii fi amanamummaan jiruutti haasa’uun uummata biratti qulqulluu of gochuuf, gochaa hammeenyaa hojjechaa turan dhoksuun gochoota WBO hin ibsine maqa balleessiif qaanii tokko malee hawaasa fuul-duratti ba’uun yeroo dubbachaa jirantu mul’ataa jira.
Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti rakkoo sirna bilxiginnaa jidduutti baatii tokkoo oliif uumamee turee fi yeroo ammaas itti jiruun wal amantaan dhabamuu fi shakkiin baay’achuun qorataa yakkaa magaalichaa dabalatee baatii darbe wal ajjeesuu isaanii ONM gabaasee turuun ni yaadatama.
Yeroo ammaas akka odeessi keessoo PP irraa ONM dhaqqabe ibsutti wal dhibdee mooraa bilxiginnaa keessatti uumameen bulchaa godinaa Ahimed Alii, hojjettoota waajjiraa fi qaama Federaalaa dabalatee uumamee tureen waltajjii Waxabajjii 8-11, 2024 abbootii gadaa fi jaarsolii biyyaa hirmaachisuun dhimma wal dhibdee isaanii dhoksuu fi maqaa waraana bilisummaa Oromoo xureessuuf geggeessaa turaniin karaa jaarsolii biyyaan harkatti fashalaa’uu dubbatan.
Waltajjii kana irrattis bulchaan godinichaa Ahimed Alii fi fakkaattootni isaa bakka argamanitti jalqabarratti nu tokkummaa hin qabnu tokkummaa keenya cimsachuuf uummata keenya barsiifachuu qabna, saniif isin yaamne waan isiniin jennu hojiitti hiikaa; 2’ffaan Waraanni bilisummaa Oromoo akka galu godhaa yoo didan uummata keenya waliin taanee humna guddaa qabna torbeetti balleessinaa fi 3’ffaan akka waan filannoon aangootti dhufanii mootummaa jechuun uummata, uummata jechuun ammoo mootummaadha, waliin jirra jechuun sossobbii geggeessaa turuu odeessi keessoo isaanii ni addeessa.
Uummata waliin jirraa fi mootummaa jechuun uummata afaaniin jechaa hawaasa nagaa ajjeesaa awwaalcha dhorkachuun bineensa nyaachisaa, maqaa sobaan yakkitanii murtii seeraa malee hidhaan dararaa, manneen qabeenya keessa jiru waliin gubdanii barbadeessaa, saamaa fi qe’ee irraa godaansisaa fuula ashaboon dhiqattanii uummanni isin keenya jettanii nu waliin jirra jettan kamiidha jechuun uummanni gaafateera.
Inumaayyuu gochi bara bulchiinsa koloneel Abiy Ahimed keessa nurratti raawwachaa jiru kan sirnoota darbaniin raawwatamee hin beekne sana caalee muldhateedha jedhanii dhugaa lafa jirtu kan dubbatanii fi gaaffii gaafatan jaarsolii biyyaa ta’uu hirmaataan waltajjichaa tokko nuuf eereera.
Lukkeeleen bilxiginnaa kunneenis waan deebisaniif dhabuun waltajjii Waxabajjii 8- 11, 2024’tti geggeeffame walii galtee tokko malee xumuruu isaanii ONM odeeffateera.

