Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Azarbaajaan tattaaffii nagaa taasifamaa jiru gidduutti Armeeniyaa meeshaa daangaa irratti dhukaasuun himatte

ONM-ABO Waxabajjii 15, 2024

Azarbaajaan Kamisa dheengaddaa humnoonni Armeeniyaa naannoo ofiin of bulchitu Nakhchivan bakka waraanni ishee jiranitti dhukaasa banuu  himatte.

Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Azarbaajaan akka beeksisetti loltoonni Armeeniyaa kallattii ganda Yukhaarii Buzgov aanaa Babek jedhamtutti dhukaasa bananiiru jedhe.

Taatee kun kan mudate yeroo dorgomtoonni Kibba Kaakaas waldhabdee yeroo dheeraaf naannolee Gamtaa Sooviyeet duraanii keessaa tokko kan taate naannoo Nagorno-Karabakh dhuma bara 1980’moota jalqabuun gama lamaan gidduutti uumame xumuruuf waliigaltee nagaa mallatteessuuf hojjechaa turanitti.

Fulbaana 2023’tti Azarbaajaan Karabakh deebitee to’achuun, walabummaa qabatamaa naannichi jalqaba bara 1990’moota keessa Baakuu irraa argate haquun, ummanni saba Armeeniyaa naannicha keessa ture guutummaatti jechuun bifa danda’amuun gara Armeeniyaatti akka baqatan taasiseera.

Ergasii as gamoonni lamaan waliigaltee nagaa irratti mari’achaa daangaa waliin qaban kan kiiloo meetira 1,000 (maayilii 625) ta’u, kan cufamee fi humna waraanaa cimaa ta’en daangeessaanii jiru.

Mariin ji’oota hedduudhaaf erga dhaabbate booda, Armeeniyaan ji’a darbe gandoota Azarbaajaan diigaman afur jalqaba bara 1990’moota irraa eegalee dhuunfatte turte deebisuun, marii gaggeeffamaa jiru keessatti gufuu guddaa kan ta’e ture  qulqulleessiteetti.

Haa ta’u malee tarkaanfiin kun Armeeniyaa keessatti mormii farra mootummaa kaasee jira.

Aangawoonni Armeeniyaa Kamisa dheengaddaa akka himanitti mormii gamoo paarlaamaa Yereevaan alatti geggeeffameen namoonni 101 madaa’aniiru.

Namoota miidhaman keessaa mormitoonnis ta’e poolisoonni akka jiran Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksisuun, namoonni 85 gargaarsa jalqabaa erga argataniin booda kan gadhiifaman yoo ta’u, kanneen hafan ammoo hospitaalatti tajaajila argachaa akka jiran gaazexaan Daily Sabaa gabaaseera.

Exit mobile version