ONM-ABO Guraandhala 14, 2024
Loltoonni Armeeniyaa afur humnoota Azeerii waliin daangaa waliin qaban irratti dhukaasa bananiin lubbuun isaanii darbuun, waldhabdee waggoota 30f ture dhaamsuuf tattaaffii taasifamaa ture tasgabbii dhabsiisuuf sodaachisaa jira.
Falmitootni yeroo dheeraaf lammiilee Kaawukeesiyaa Kibxata kaleessaa taatee kana kakaasan jechuun wal himatan. Lola yeroo dheeraaf naannoo Nagorno-Karabakh irratti geggeeffamaa ture xumuruuf jecha bara darbe erga mariin nagaa banamee booda jeequmsa daangaa nagaa hin qabne kana irratti gabaafame isa jalqabaati.
Ministeerri Ittisaa Armeeniyaa akka gabaasetti, Wiixata dheengaddaa naannoo kibbaa Siyunik buufata tokkootti loltoonni afur du’anii tokko madaa’uu isaanii gabaaseera.
Ministeerri Ittisaa Armeeniyaa ibsa kenneen, “Kutaaleen humnoota waraanaa Azarbaajaan meeshaa waraanaa xixiqqaa irraa gara bakka lolaa Armeeniyaa naannoo Nerkin Hand jirutti dhukaasa bananiiru.”
Azarbaajaan humnoonni Armeeniyaa kanaan dura daangaa waraanaan guutame gara kaabaatti argamu qaxxaamuranii dhukaasa bananiin booda “dula haaloo bahuu” kana akka jalqabde ibsiteetti.
Ministeerri Ittisaa Baakuu akka jedhetti humnoonni Armeeniyaa bakka loltoota ishee kutaa daangaa kaaba dhiha, Nerkin Hand irraa gara 300km (186 miles) fagaatu irratti dhukaasa bananiiru.
Armeeniyaa taatee akkanaa raawwachuu haalteetti.
Armeeniyaa fi Azarbaajaan naannoo gaarreen falmisiisaa ta’ee fi lafaan marfamne Kibba Kaakaas keessatti argamu Nagorno-Karabakh irratti waggoota kurnan sadii oliif waldhabdee irratti geggeessaa turan.
Lamaan isaanii bara 1990moota keessa, achiis bara 2020 naannicha irratti wal waraanaan. Azarbaajaan bara darbe haleellaa deebisanii loluun geggeessiteen qabattee turte.
Ummanni saba-Armeeniyaa guutuun jechuun ni danda’ama – namoonni 100,00 ol – Baakuun fudhachuu hordofee godaansa uumameen rakkoo baqattootaa uumeera.
Azarbaajaanis ta’e Armeeniyaan marii nagaa ji’oota darbe geggeessaa turan dhaabuun, adeemsa dippilomaasii manca’eef inni tokko isa tokko himachaa jiraachuu Aljazeeraan gabaaseera.

