Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Armeeniyaan mootummaa Falasxiiniif  beekamtii kennuu ishee beeksiste

ONM-ABO Waxababajjii 22, 2024

Ministeerri Dhimma Alaa Armeeniyaa Jimaata kaleessaa Falasxiiniif akka biyyaatti beekamtii kennuu ishee beeksise.

Waraanni Gaazaa keessatti  ji’oota saddeet oliif itti fufee osoo jiruu Armeeniyaan  mootummaa yeroo dhiyootti   Falasxiin biyya ta’uuf beekamtii kenne ta’eera.

Ibsa Armeeniyaan kenniteen, ”haalli gargaarsa namoomaa balaa Gaazaa fi waldhabdee waraanaa deemaa jiru” ”ajandaa siyaasaa idil-addunyaa irratti dhimmoota ijoo jalqabaa qubsuma barbaadan keessaa tokko” jechuun kaasuun ishee ni yaadatama.

Armeeniyaan “bu’uuraalee misoomaa siiviilii irratti xiyyeeffachuu, jeequmsa uummata nagaa irratti raawwatamu cimsitee ni diddi” jettee jirti. Akkasumas “yeroo waldhabdee hidhannoo namootni nagaan booji’amuu mormuu  fi gaaffii hawaasni addunyaa haal-duree tokko malee akka gadhiifaman dhiyeessutti makamteetti.

Ministeerri Dhimma Alaa Armeeniyaa ibsa kenneen, “Rippabilikni Armeeniyaa seera idil-addunyaa, walqixxummaa sabootaa, abbaa biyyummaa fi karaa nagaa waliin jireenyaaf kutannoo qabdu mirkaneessuun Mootummaa Falasxiiniif beekamtii kenniti” jedheera.

Ji’a Caamsaa keessa Ispeenii fi Noorweey Ayerlaandi waliin ta’uun mootummaa Falasxiiniif  beekamtii kennuu isaanii labsuun Israa’el irraa aarii guddaa uumeera.

Abbaan Taayitaa Falasxiin, kan West Baankii dhuunfatame tokko  bulchuu fi qaama bakka bu’ummaa seeraa ummata Falasxiin ta’e, tarkaanfii kana maxxansa X, duraan Tiwiitara ture irratti barreesseen simataniiru.

“Kun injifannoo mirgaa, haqaa, seera qabeessummaa fi qabsoo ummanni keenya Falasxiin bilisummaa fi walabummaaf godhudha. Galatoomaa michuu keenya Armeeniyaa” jedhan Al-Sheikh jechuun Deustche Welle’n gabaaseera.

Exit mobile version