ONM-ABO Mudde 1, 2023
Muummichi Ministeeraa Ispeen, Isiraa’el waraana Gaazaa irratti taasiftu keessatti seera idil-addunyaa kabajuu ishee shakkii qaban, lakkoofsi namoota nagaa achitti du’anii baay’ee ta’uu isaanii irraan kaasuu ibsuu isaanii Aljazeeraan kaleessa gabaase.
“Kutaan nuti argaa jirruu fi lakkoofsi daa’imman du’aa jiranii dabalaa dhufuun, Israa’el seera namoomaa idil-addunyaa kabajuu ishee shakkii guddaan qaba,” jechuun Muummichi Ministeeraa Ispeen Peedroo Saancheez Kamisa kaleessaa dubbataniiru.
”Waanti Gaazaatti argaa jirru fudhatama hin qabu,” jechuun gaaffii fi deebii televizhinii mootummaa Ispeen TVE waliin taasisaniin dubbatan.
Isiraa’el “ibsa qaanii” jechuun dubbii Saancheez kanaaf deebii kennuun ambaasaaddara Ispeen ceepha’uuf waamte.
“Isiraa’el akkaataa seera addunyaatiin of gaggeessiti, kanas itti fufti jechuun Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Elii Koohen fuula X irratti maxxanseera.
Sadaasa 24 yeroof dhukaasa dhaabuun osoo hin eegalin dura torban saddeetiif boombii fi haleellaa lafaa Isiraa’el Gaazaa keessatti raawwatteen yoo xiqqaate lammiilee Faalasxiinota 15,000 ajjeefamuun, uummata miliyoona 2.3 keessaa harki sadii buqqifamuu fi rakkoo namoomaa nama dadhabsiisu kaasuun ni beekama.
Torban darbe Saancheez Isiraa’el “ajjeechaa loogii malee namoota nagaa qulqulluu, ijoollee dhiiraa fi shamarran kumaatamaan lakkaa’aman irratti” Gaazaa keessatti raawwatte balaaleffatanii turan.
Yeroo daawwannaa gama Masriitiin qaxxaamuraa Raafaa Gaazaatti taasisaniin “Jeequmsi jeequmsa dabalataa qofa fida,” kan jedhan Peedroon dhukaasa dhaabuun dhaabbataan akka taasifamuuf waamicha dhiyeessaniiru.
Ispeen ifatti waraana Israa’el Gaazaa irratti geggeessite balaaleffachuun Awurooppaan mootummaa Faalasxiiniif beekamtii kennuu irratti akka mari’attu jajjabeessuun Israa’eliin aarsiteetti.
Koohen yaada Saancheez torban darbe kenne irratti deebii kan kenne yoo ta’u, miirri akkasii “shororkeessummaaf jajjabina” kenna jechuun, ambaasaaddarri Ispeen ceepha’iinsa cimaa akka argatu himuun isaanii ni yaadatama.
Yeroo boqonnaa kanatti Hamaas booji’amtoota 97 kan gadhiise yoo ta’u, hidhamtootni Faalasxiin 210 manneen hidhaa Israa’el keessaa bilisa ta’aaniiru – isaan keessaa hedduun isaanii himannaa malee hidhamanii turan jechuun Aljazeeraan gabaasa kaleessa qabatee ba’een ibsee jira.

