Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Muummichi Ministeeraa Ispeen Paakeejii Gargaarsa Waraanaa Yukireenii doolaara Biiliyoona 1 ni arjoomte jette 

ONM-ABO Gurraandhala 25, 2025 

Ispeen bara kana paakeejii gargaarsa waraanaa haaraa Yuuroo biiliyoona 1 (Doolaara biiliyoona 1.05) akka kennitu kan taasisu ta’uu Ministirri Muummee Peedroo Saancheez Wiixata kaleessaa walgahii idil-addunyaa weerara Raashiyaa waggaa sadaffaa Kiiyiv irratti taa’ame irratti   himaniiru.

Paakeejiin kun akka qaama waliigaltee nageenyaa fi ittisaa Caamsaa 2024 mallatteessitee ta’uu ibsi Waajjira Saancheezii  ba’e ni mul’isa. Bara darbe Maadriid duras ittisa Yukireeniif gargaarsa Yuuroo biiliyoona 1 ol ergiteetti.

“Hanga barbaachisaa ta’etti Yukireen deggaruun itti fufna,” jechuun Yukireen fi Gamtaan Awurooppaa lamaan isaanii iyyuu marii nagaa Moskoo waliin taasifamu irratti akka argaman cimsanii dubbataniiru.

Itti dabaluudhaanis, “Waa’ee Yukireen Yukireen malee, waa’ee Awurooppaa Awurooppaa malee homaa hin jiru,” jechuun dabalaniiru jechuun Rooyiteers gabaaseera.

Exit mobile version