Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gamtaan Awurooppaa gargaarsa dabalataa doolaara biliyoona 3.8 Yukireen kennuuf akka ka’e ibsame

ONM-ABO Bitootessa 18, 2025 

Manni maree Gamtaa Awurooppaa gargaarsa maallaqaa dabalataa Yuuroo biiliyoona 3.5 (Doolaara biiliyoona 3.8) gargaarsaa fi liqii   Yukireeniif akka ta’u raggaasiseera jedha ibsi gaazexeessummaa Mana Maree Awurooppaa Wiixata kaleessaa baaseen.

“Kaayyoon guddaan dhaabbatichaa tasgabbii fi dandamannaa, deebi’anii ijaaruu fi ammayyeessuuf Yukireeniin deeggarudha,” jedhe.

Gargaarsi kun kaffaltii sadaffaa dhaabbata Yukireen jalatti yoo ta’u, biyyattiin erga waggaa tokko dura hojiirra oolee kaasee bakka Yukireen jalatti Yuuroo biiliyoona 20’tti dhihaatu argatteetti.

Karoorri Dhaabbata Yukireen, kan Bitootessa 1, 2024 hojiirra oole, Yukireen deebisanii dhaabuu, deebisanii ijaaruu fi ammayyeessuuf bara 2024 hanga 2027’tti deggaruuf, maallaqa tasgabbaa’aa hanga Yuuroo biiliyoona 50, deeggarsaa fi liqiidhaan kenna jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version