ONM-ABO Waxabajjii 15, 2024
Yeroon ammaa kun yeroo sirni aangoo irra jiru kun muddama hamaa keessa galee jiru yoo ta’u, haala armaan dura ta’ee hin beekamneen dargaggoota manneen isaanii irra deemuun gara mana hidhaatti naqanii dararaa jiru.
Namoota qabaman ammoo mana hidhichaa irraa baasuun gara leenjii waraanaatti ergee soorrata rasaasaa gochaa jira.
Akkuma kanaan godina Arsii Bahaa aanaa Roobee Dida’aa ganda Sibee Mararoo jedhamu keessatti guyyaa kaleessatti bari’u Waxabajjii 14, 2024 halkan sa’a saddeet irratti mana isaaniitti itti dhaquun dargaggoota badii tokko hin qabne bakka ciisicha isaaniitii qabanii hidhuun beekameera.
Dargaggoonni hidhaman kunneenis maqaan isaanii Abdullaxiif, Taajiroo fi Abdulbaasix kanneen jedhaman yoo ta’u dargaggoonni kunneenis obboleewwan haadhoo garaa tokkoo akka ta’an ibsan.
Maddeen akka jedhanitti dargaggoonni kunneen balleessaa tokkollee kan hin qabne ta’uu fi sababuma WBO’n bakkicha keessa socho’e qofaaf eeruu laachuufii danda’u jechuun ija shakkiin akka qaban ibsaniiru.

