ONM-ABO Waxabajjii 15, 2024
Waraanni Sudaan Jimaata kaleessaa akka jedhetti, ajajaa olaanaa humna deggarsa ariifataa (RSF) kan waraana milishaa hoogganuu fi qoqqobbii Ameerikaa jala ture, lola magaalaa Al-Fashir Kaaba Daarfuur marfamte keessatti geggeeffameen ajjeesuu isaa ibseera.
Haa ta’u malee Humna Deggarsa Ariifataa (RSF) irraa yaadni hatattamaa kenname hin jiru.
Jibril ajajaa RSF adda duree Al-Fashir, magaalaa guddittii naannoo Daarfuur Sudaan keessaa isa dhumaa humni waraanaa isaanii hin to’anne keessatti ture.
Waraanni kun ibsa kenneen akka jedhetti Jibril kan ajjeefame Jimaata ganama haleellaan RSF loltoota isaa fi “humnoota waloo” michuuwwan isaa cinaa lolaniin booda jedha.
Kunis gareewwan finciltoota duraanii Araboota hin taane Daarfuur irraa dhufanii fi waraana waliin hiriiran kan agarsiisuudha jedha ibsi kun.
Humni Deggarsa Ariifataa torban hedduudhaaf magaalaa Al-Fashir kan namoota miliyoona 1.8 qabdu goolaa kan ture yoo ta’u, qondaaltonni olaanoo Mootummoota Gamtoomanii waldhabdeen achitti hammaataa dhufe jeequmsa hawaasa gidduutti bal’inaan kaasuu akka danda’u akeekkachiisaniiru.
Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii Kamisa dheengaddaa goolamni kun akka dhaabbatu gaafate.
Waraanni Sudaanii fi RSF gidduutti haal-duree ce’umsa gara dimokiraasiitti bara darbe walakkeessa Ebla keessa magaalaa guddoo Kaartuum keessatti kan ka’e yoo ta’u, yeroo muraasa booda kutaalee biyyattii birootti babal’ateera.
Waldhabdeen kun rakkoo buqqa’iinsa addunyaa irratti guddaa ta’e, jeequmsi sabaa Daarfuur keessatti RSF fi michoota isaan ka’u dabaleera.
Kana malees beelli garmalee akka dabalu taasiseera jechuun Arab news gabaaseera.

