Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa Godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti murni bilxiginnaa Faannoo osoo hin taane WBO balleessuu qabna jechuun abbootii amantii mariisisaa turuun dhaga’ame

ONM-ABO Caamsaa 4, 2024

Murni bilxiginnaa waraana bilisummaa Oromoo lolaan dadhabuun hawaasa siyaasa keessaa hin qabne maqaa abbootii amantii jedhuun walitti qabee sossobuun, isin ammoo hawaasa keessan mariisiftanii qaamoolee nageenyaa waliin ta’uun WBO balleessuu qabna, kan biyya qabachuuf jiru Faannoo osoo hin taane waraana bilisummaa Oromooti, isaan kan balleessinu ammoo uummata keenyaan wal taaneeti jechuun mariisisaa akka jiran maddeen keenya himan.

Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti bulchaan godinaa maqaan isaa Ahimed Alii jedhamuu fi fakkaatootni isaa Caamsaa 2, 2024 abbootii amantii qofaatti waamanii mariisiisuuf yaalanis abbootiin amantii kun sobaa fi jibbiinsa isaan uummata Oromoof qaban irratti baruun yaada isaanii harkatti faallessuu keessa beektonni himan.

Yaadni abbootiin kunneen kaasanis kan nu ajjeesaa, saamaa fi qe’ee irraa nu buqqisaa jiru WBO osoo hin taane hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo isiniin tumsamaniidha, nu ammoo maqaa abbootii amantiin asitti nu yaamtanii ilmaan keenya haqaaf dhaabbatan waliin balleessinaa fi uummata itti kakaasaa nuun jechuurra kan duula duguuggaa sanyii nurratti raawwachaa jiru hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo dura balleessaa deebii jedhu akka kennaaniifis ibsan.

Ergamtoonni PP kunneenis gaaffii abbootii amantii kanaaf waan deebisan dhabuun walii galtee malee akka adda ba’anis ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version