Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Pireezidaantiin Yukireen Volodimir Zeleniskiin yoo Raashiyaan Yukireen keessaa baate mariin nagaa har’a ni jalqaba jedhan

ONM-ABO Waxabajjii 17, 2024

Mooskoon naannoo Yukireen hunda keessaa yoo baate Kiiv har’a Raashiyaa waliin marii nagaa ni gaggeessiti jedhan preezdaantiin biyyattii Volodimir Zeleniskii.

Garuu xumura walgahii nagaa Siwiizarlaanditti gaggeeffame irratti haasawa taasisaniin, Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waraana kana akka hin xumurre ibsuun, karaa waraanaatiinis ta’e dippilomaasiitiin ”karaa dandeenyu kamiinuu” dhaabuun dirqama ta’uu ibsaniiru.

Waraana kana injifachuuf gargaarsi biyyoota Dhihaa gahaa akka hin turre itti dabaluun,  yaa’iin kun garuu deeggarsi idil-addunyaa Yukireeniif laafaa akka hin jirre agarsiiseera.

Walgahiin kun biyyoonni kudhanootaan lakkaa’aman tokkummaa naannoo Yukireeniif waadaa galuun xumurame.

Haa ta’u malee Indiyaa, Afrikaa Kibbaa fi Sa’udii dabalatee biyyoonni hedduun irratti hirmaatan hin mallatteessine.

Walgahii kanarratti biyyoonni fi dhaabbileen idil addunyaa 90 ol hirmaataniiru.

Sanadni dhumaa kun warshaa niwukilaraa Zaaporizizhiya kan yeroo ammaa Raashiyaan qabamte irratti to’annoo Yukireenitti akka deebi’u gaafatee jira.

Hidhamtoota hunda akka wal jijjiiranii fi daa’imman Raashiyaan butaman akka deebi’an gaafateera.

Mata dureewwan baay’ee falmisiisaa ta’an, kan akka sadarkaa lafa Raashiyaa jala jiru, boodaaf kan hafu ta’a jedhan jechuun BBC’n gabaaseera.

Exit mobile version