Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Iraan keessatti ibiddi hospitaala mudate lubbuu namoota 9 galaafate

ONM-ABO Waxabajjii 19, 2024

Kibxata kaleessaa magaalaa kaaba Iraan Rasht keessatti ibidda hospitaala keessatti ka’een yoo xiqqaate dhukkubsattoonni sagal du’uu miidiyaaleen mootummaa Iraan beeksisaniiru.

Ibiddi Hospitaala Ghaem keessatti ganama sa’atii 1:30 akka ka’e broodkaastiin mootummaa IRIB kan ibse yoo ta’u, ibiddi akka dhaamfamee fi qorattoonni maaltu akka kana fide adda baasuuf hojjechaa akka jiran ibseera.

”Wanti nama dhibu balaa ibiddaa kanaan lubbuun namoota sagalii (9) darbeera,” jedhan pirezidaantiin Yunivarsiitii Saayinsii Meedikaalaa Gilaan Raashtitti argamu Mohammad Taghi Ashobi.

TV mootummaatti akka himanitti ”dhukkubsattoonni du’an harki caalaan isaanii… kutaa yaala cimaa keessatti hospitaala keessa turan”.

Akka gabaasa odeeffanneetti hospitaalichi sireewwan 250 kan qabu yoo ta’u, yeroo balaan ibiddaa kun ka’etti sireewwan 142 namoota qabatanii turan.

Sadaasa bara 2023 keessa ibiddi guddaan magaalaa Langarud, akkasumas bulchiinsa Gilan keessatti argamu keessatti wiirtuu qoricha sammuu namaa hadoochu irraa deebisanii dhaabuu keessaa ka’e lubbuu namoota 32 galaafatee ture.

Ji’a Waxabajjii bara 2020 keessa dho’iinsa cimaa qaruuraa gaazii kilinika kaaba Tehran keessatti argamutti ibiddaan gubateen lubbuun namoota 19 darbeera jechuun Aljeeziraa fi midiyaalee biroon gabaasaniiru.

Exit mobile version