Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Israa’el erga waraanni Iraan jalqabee namoonni 2,339 hospitaala seenan jetti

ONM-ABO Bitootessa 11, 2026 

Israa’el Kibxata kaleessaa akka jettetti, erga waraanni Ameerikaa fi Israa’el Guraandhala 28 Iraan irratti jalqabame as namoonni nagaa fi loltoota dabalatee namoonni madaa’an 2,339 hospitaala seenaniiru.

Lakkoofsi kun namoota 95 kanneen yeroo ammaa hospitaala ciisan kan haammate yoo ta’u, isaan keessaa tokko haala yaaddessaa keessa akka jiru ibsi Ministeera Fayyaa Israa’el ni mul’isa.

Sa’aatii 24 darban keessatti yoo xiqqaate namoonni 191 madaa’anii hospitaala seenuu ibsichi dabalee himeera.

Israa’elii fi Ameerikaan Guraandhala 28 haleellaa waliinii Iraan irratti erga bananii as haleellaan naannoo sanaa kan ka’e yoo ta’u, hanga ammaatti hogganaa olaanaa Ayaatoolaa Alii Kaameenii dabalatee namoota gara 1,300 ajjeesee, namoota 10,000 ol ammoo madeessuu  aanga’oonni Iraan himaniiru.

Iraan haleellaa misaa’elaa fi diroonii Israa’el, Iraaq, Joordaan, fi biyyoota Galoo Galaanaa qabeenya waraana Ameerikaa keessa jiran irratti xiyyeeffachuun haaloo baateetti.

Exit mobile version