ONM-ABO Waxabajjii 18, 2024
Egeree uummata Oromoof yaaddoo guddaa kan ta’e bilxiginnaan lafa WBO’n hin jirrettis maqicha fayyadamuun namoota hedduu qabeenyaa fi maatii isaaniin ala godhanii mana hiraarsaa sirnichaa keessatti gidirsaa jiru.
Magaalaa Harar bakka Arattanyaa jedhamu keessatti ilmi Oromoo tokko kan hojii dhuunfaa isaa irratti bobba’ee jiraatu kan maqaan isaa Muhaammud Naasir jedhamu maqaa WBO deggarta jedhamuun torban lamaaf murtii seeraa tokko malee hidhamee hiraarfamaa akka jiru jiraattotni ibsan.
Dargaggoon kun abbaa maatii sadii yoo ta’u, hojii hojjetuun nama ofii fi maatii isaa jiraachisaa ture malee nama siyaasa keessaa qabu miti jedhu hiriyootni isaa.
Sababa inni hidhaa jiruuf yeroo ammaa ijoolleen isaa waan nyaataa fi mana kiraa dhabuun hedduu rakkachaa akka jiran dabaluun ibsaniiru.
Mana hidhaa magaalichaa Arattanyaa jedhamuun beekamu kanatti Ilmaan Oromoo lakkoofsaan hedduu ta’an murtii seeraa malee Oromummaa isaaniin yakkamuun hidhamanii hiraarfamaa akka jiran beekuun dandaa’ameera.

