Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Boorana Bahaa ona Liiban keessatti waraani sirnichaa raagaa beekamaa fi jaarsa Argaa dhageettii Oromoo tokko ajjeesan

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2024

Sirni bulguun duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwachaa ture ammas itti fufuun guyyaa guyyaan dhiiga ilmaan Oromoo qeerroo fi qarree, jaarsaaf jaartii laaftuu osoo hin jedhin sabicha lafa irraa balleessuuf hojjechaa jira.

Haadha Oromoo barumaan boochisaa ajjeesee reeffa allaattii nyaachisaa gochoota dhala namaa irratti hin raawwatamne raawwachaa kan oolu bilxiginnaan har’as gocha isaa hin dhaabne. 

Haaluma kanaan maanguddoo umrii 75 jaarsa Argaa fi dhageettii  Oromoo kan ta’an Abbaa Baatii Gololchaa kan jedhamu haala suukkanneessaan godina Booranaa aanaa Liiban ganda Mugaayyoo keessatti Waxabajjii 16, 2024 waraanni tiksituu impaayera Itoophiyaa ajjeesan.

Waxabajjii 16, 2024  hidhattoonni sirnichaa lola Waraanni Bilisummaa Oromoo aanicha keessatti irratti banee injifannoo cimaan irratti galmaa’een namoota nagaa tuttuqaa siyaasaa keessaa hin qabne ajjeesanii jiru. 

Maanguddoon kun nama kabajaa, jaalalaa fi ulfina uummata isaa biraa qabu ta’uu jiraattotni himuun waraana gooleessaa PP’n haala kanaan ajjeefamuu isaaniif gaddi guddaan akka itti dhagaa’ame jirattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version