Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni gabroomfataan bilxiginnaa godina Boorana Bahaa keessatti maanguddaa ganna 75 tokko rasaasa itti roobsuun galaafatan

ONM-ABO Waxabajjii 17, 2024

Murni badee balleessaan bilxiginnaa ilma namaaf kabajaa hin qabne daa’imaa hanga maanguddootti ajjeesaa deemu gocha gara jabeenyaa dhala namaaf hin malle yeroo irraa gara yerootti uummata Oromoo irratti raawwachaa jira.

Yakkaa fi balleessaa tokko malee Oromummaa isaan yakkuun dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa kan oolan ergamtoonni murna nama nyaataa bilxiginnaa gocha diinummaa isaanii uummata Oromoo irratti jabeessuun qe’ee Oromoota maraatti gadda uwwisaa oolu.

Haaluma kanaan faashistoonni murna PP kaleessa Waxabajjii 16, 2024, godina Boorana Bahaa aanaa Liiban ganda Mugaayyootti maanguddoo ganna 75 olii kan maqaan isaanii Obbo Jiraataa Dheedaa Mugaayoo jedhaman gaaffii tokko malee rasaasa itti roobsuun erga ajjeesaniin booda nama siyaasa kamirraa walaba ta’e Shanee ajjeesne jechuun dhaadachaa turuu maddeen gabaasan.

Maanguddoon kunis nama uummata gidduutti kabajaa fi jaalala guddaa qabu ta’uu dubbachuun murni gabroomsaan kun duguuggaa sanyii Oromoo irratti jabeessuu tooftaa ittiin Oromoo jilbeenfachiisan taasifatee hojjechaa waan jiruuf qe’een Oromoo hanga bilxiginnaan hundeen buqqaatutti nagaa hin argatu jechuun dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version