Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ministeerri diinagdee Jarmanii Gamtaan Awurooppaa taarifa Chaayinaa irratti mari’achuuf banaadha jedhan

ONM ABO Waxabajjii 23, 2024

Ministirri Diinagdee Jarman Roobart Habek Sanbata kaleessaa daawwannaa Chaayinaa taasisaniin akka jedhanitti, taarifa Gamtaan Awurooppaa al-ergii Chaayinaa irratti kaa’u ilaalchisee balballi Gamtaa Awurooppaa mariif banaadha jedhan.

Qondaaltota Chaayinaa waliin Beejiingitti erga wal arganii booda har’a michoota koo Chaayinaatiif wantin yaada dhiheessu, balballi marii banaadha, ergaan kun akka dhagaa’ame abdiin qaba,” jechuun ibsa jalqabaa Shaangaayitti kennaniin beeksisan.

Daawwannaan Habek kun erga Biraasels konkolaattota elektirikii Chaayinaan hojjetaman biyya alaatii galchuu irratti gibira guddaa akka kaffalamuuf yaada dhiheessitee booda kan jalqabaati. Kunis waan Gamtaan Awurooppaa deggarsa garmalee jedhee ilaalu ittisuufi.

Habek gibirri kun Muddee keessa guutummaatti hojiirra ooluu isaa dura dhimma taarifa irratti Gamtaa Awurooppaa fi Chaayinaa gidduutti mariin akka taasifamuu fi gabaa banaatti akka amanu garuu gabaan dirree walqixa akka barbaadu dubbataniiru.

Deggarsi mirkanaa’ee fi faayidaa al-ergii dhaabbilee guddisuuf yaadame fudhatama argachuu hin danda’u jedhan ministirri kun.

Qabxiin waldhabdee Beejiingii fi Barliin gidduu jiru kan biraan Chaayinaan waraana Yukireen keessatti Raashiyaan taasifte irratti deeggarsa gochuu isheeti. 

Habek bara darbe daldalli Chaayinaa Raashiyaa waliin %40 ol dabaluu isaa hubachiiseera.

Habek kun hariiroo dinagdee isaanii irratti miidhaa geessisaa akka jiru qondaaltota Chaayinaatti himeera jedhen.

 Qoqqobbii Raashiyaa irratti kaa’ame naannessuun fudhatama hin qabu, jechuun meeshaaleen teeknikaa Awurooppaatti oomishaman karaa biyyoota biroo dirree waraanaatti xumuramuu hin qaban jedhan jechuun Rooters gabaaseera.

Exit mobile version