Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Weellisaa fi qindeessaan muuziqaa Gajoo Xilahuun humnoota waraana faashistii PP’n bakka hojiisaa Shaggar Sitii kutaa magaalaa Sulultaatii erga qabamee achi buuteen isaa dhabame

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2024

Gareen xiinsammuu namaa adoochee dhaloota ol adeemoo kichuutti kutuu bare sirni faashistii PP, weellistoota Oromoo warreen jaalala uummataa qabanii fi rakkoo saba isaanii dubbatan, haqa sabaa maaliif dubbatu nu waliin maaf hin hojjetan jechuun dhabamsiisuu jabeessanii jiru.

Sirni ajjeesee waakkatu, weellistoota Oromoo hedduu ajjeesee kan dhoksu, weellisaa Damisoo Moosisaa godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti bara 2021 qabee hidhuun mana hidhaarraa baasee ajjeesee akkuma dhokse, akkasumas weellisaa Taammiraat Tolosaa hidhee kan dhabamsiise yeroo ammaas weellistoota danuu mana hidhaa impaayeerattii keessatti hiraarsuu fi qabee achi buutee dhabamsiisuu jabeessee jira.

Akka kanaanis weellisaa fi qindeessaa muuziqaa kan ta’e dargaggoo Gajoo Xilahuun  Kamisa darbe Waxabajjii 20, 2024 waaree booda humnoonni Poolisii Federaalaa mana hojii isaa deemuun erga qabanii hanga har’aa achi buuteen isaa dhabamee jira.

Akka Arraatni Biyyaalessa Oromiyaa hiriyoota isaa irraa odeeffatetti weellisaa Gajoon eessatti akka hidhamee jiru kan hin beekamne yoo ta’u, sababa kanaanis haalli inni keessa jiru, jiraachuu fi dhiisuu isaa illee adda baafachuu akka dadhaban himaniiru.

Exit mobile version