ONM-ABO Sadaasa 28, 2023
Gara jabeenyaa fi hacuuccaa abbootiin irree Impaayera Itoophiyaa uummata Oromoo irratti raawwatan dura ejjennoo fi cichoominaan dhaabbachuun, sagalee saba isaanii cunqarfamee kan ta’aan weellistootni Oromoo jajjaboon, tiksitoota impaayerattiitiin qabamanii hidhamaa, ajjeefamaa fi ukkaamfanii achi buutee dhabamaa kan turan yoo ta’u, qooda weellistootni Oromoo qabsicha takaanfachiisuuf ba’aataa turaniin dhiibbaa gurguddoon hanga hammeenya fi gocha abbootii irree ija Addunyaa fi hawaasa baldhaatti saaxiluu hojjjetamaa waan turee fi hardhalllee itti jiruuf sodaa kanaa Kan qabu PPn sagalee isaanii ukkaamsuu dirqama duraa taasifatee jira.
Gochi sirnoota darbaniin Weellistoota Oromoo irratti gaggeeffamaa ture Kun jabaatee itti fufuun kaleessa sadaasa 27, 2023 waraanni faashistii koloneel Abiy Ahimed weellisaa Abdii Bantii (Jigsaa Bantii) Bulchiinsa magaalaa Shaggar kan taate magaalaa Furii keessaa qabanii hidhuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Ijaa fi gurra akkasumas Afaan uummata isaanii ta’uun roorroo, dararamaa fi hiraarfama gabrummaa ifatti walleen dubbachaa, uummata isaanii dammaqsanii galaana warraaqsaatti galchuuf aarsaa qaalii kaffalaa kan turan weellistootni Oromoo hedduun kiyyoo bulchiitota impaayerattiin qabamuun ajjeefamanii lafarra harkifamaa, dararaa mana hidhaa keessatti isaan irratti raawwatameen qaamaa qalbii hirdhatanii gariin ammoo lubbuu isaanii baraarfachuuf jecha biyya Ormaatti baqachaa kan turan yoo ta’u, Bilxiginnaan hardhas gocha kana Jabeessuun Weellistoota hedduu mana hidhaatti funaanee sagalee uummatichaa ukkaamsuuf hojii guddaatti jira.

