Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Uummanni Oromoo Soomaliilaand keessa jiraatan sababa walii galteen Ulaa galaanaa taasifameen booda yaaddoon nageenyaa isaanii hammaachuu itti fufe  

ONM-ABO Hagayya 20, 2024

Sirni bulchiinsa abbaa irree Abiy Ahimed erga aangootti dhufee kaasee uummanni Oromoo hamma har’aatti  guyyaa tokkoofillee  boqonnaa argatee kan hin beekne yoo ta’u, osoo dararaan uummataa jabaatee jiruu Bilxiginnaan impaayera burkutaa’aa jirtu suphuuf halkanii fi guyyaa dhama’aa jira. Impaayera Minilik kana suphuufis uummata Oromoo nagaa   ajjeesuu, qabeenyaa isaanii barbadeessuu, jumlaan hidhaatti guuree dhabamsiisuu hojii godhatee itti bobba’aa jiruun cinaatti waliigaltee Ulaa Galaanaa falmisiisaan wal qabateen lammiileen biyyoota ollaa keessatti rakkoof akka saaxilaman ta’ee jira.

Haaluma kanaan dhimma walii galtee Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaan Soomaaliilaand waliin gooteen wal qabatee uummanni Somaliyaa gochaa  gareen Finfinnee fi Hargeessaa  raawwatan waan hin fudhatiniif, mootummaa keessantu biyya keenya nu  weeraruuf deemaa jira jechuun lammiilee Oromoo biyya sana keessa waggoota dheeraaf kabajaa fi jaalalaan uummata Somaliyaa keessa jiraachaa turan har’a hojjetanii jiraachuun hafee oolanii, buluun, gad ba’anii ol deebi’uunuu yaaddoo guddaa itta ta’aa jira jedhu maddeen.

Oromummaa isaaniif sirna nama nyaataan impaayera Itiyoophiyaa bulguun dhiiga Ilmaan Oromoo dhangalaasaa har’a geesse kun yeroo ammaa illee Oromummaa keenya qofaaf sababa murni bulguun Abiy Ahimed biyyaa ollaa kamiinuu wajjin nagaa hin qabneef nuti ilmaan Oromoo addatti miidhaan gita hin qabne nurra ga’aa jira jechuun irra deddeebiin iyyachaa jiru. 

Lammiileen Soomaaliyaa mootummaa keessani kan biyya keenya jeeqee nagaa dhoowwaa jiru jechuun arrabsoo adda addaa fi qofa qofaatti ilmaan Oromoo adamsanii miidhaa irraan ga’uun jabaatee akka jiru dubbatu.

Lafti ilmaan Oromoo keessatti doorsifamaa jiran kun biyyuma abbaan irree Abiy Ahimed Ulaa Galaanaa irratti walii gallee jirra jechuun dhaadessaa jiraniidhas jedhan.

Bakkoonni kunneenis magaalota akka Hargeessaa, Barbaraa, Buroo, Garaweee fi Lasanoot kanneen jedhaman keessatti akka ta’e jiraattotni achi keessatti miidhaan irra ga’aa jiru ONM ‘tti himaniiru. 

Ilmaan Oromoo kunneen akka jedhanitti gaafa duune waliif boo’uu osoo hin taane har’a osoo lubbuun jirruu qaamota mirga dhala  namaattis ta’ee dhimmi ilaallatu mara biraan nuuf ga’aa jechuun ibsan. 

Dabalataanis nuti ilmaan Oromoo Soomaaliyaa keessa jiraachaa jirru murni Itiyoophiyaa bulchaa turee fi ammas itti jiru bakka akka nu hin buunee fi nuti maqaa isaatiin akka hin miidhamne karaa dandeessaniin uummanni Oromoo sagalee akka nuuf taatan jechuun dabaluun dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.

Exit mobile version