Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baqattoota Oromoo rakkoo Soomaaliilaand keessatti erga waliigalteen ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaaleelaandii waliin taasisanii irra ga’aa jiru miidiyaalee BBC fi kanneen birootti himaniin booda guyyaa har’aa ganama waamamuun akeekkachiifamiiru

ONM-ABO Amajjii 17, 2024

Namootni rakkoo baqattoota Oromoo dubbatan koree baqattootaa waan turaniif qaamoleen nageenyaa biyyattii hojii akka isaan dhaaban itti himuun mooraa keessaa ari’anii, yeroo muraasaaf hidhuun gadhiisan.

Sababa kanaanis bor ganamatti baqattootni Oromoo waajjira baqattootaa UNtti hiriira ba’uuf qophii irra jiru.

Koreen ari’aman kunis Ibsaa Aliishoo fi namoota isa waliin hojjetan ta’uun barameera.

Exit mobile version