ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2024
Kooriyaan Kibbaa baqattootaa fi daa’imman mana barumsaa saaxilamoo ta’an deggaruuf ruuzii toonii kuma 21, kan doolaara miiliyoona 14.2 tilmaamamu, Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) Mootummoota Gamtoomanii Keeniyaatti argamuuf arjoomteetti.
Gargaarsi kun kan bara 2023tti kenname dachaa lama kan ta’e yoo ta’u, baqattootaa fi daa’imman mana barumsaa deeman 565,000 ol ta’aniif gargaarsa nyaataa itti fufsiisuuf kan gargaaru ta’uu ibsi WFP Kibxata kaleessaa baaseen beeksiseera.
Laandiis akka jedhanitti, Keeniyaa keessatti lakkoofsi baqattootaa fi koolu galtoota gara 760,000 ol waan guddateef fedhiin gargaarsa nyaataa guddachaa jira, kunis waggoota shanan darban keessatti %60 dabaleera.
Keeniyaatti itti aanaan ambaasaaddara Kooriyaa Naam Sangiyoo, Kooriyaan wabii nyaataa furuuf kutannoo itti fufiinsa qabdu irra deebi’anii mirkaneessaniiru.
“Rippabilikiin Kooriyaa Keeniyaan wabii nyaataa fi hanqina nyaataa furuuf tattaaffii taasiftu deggaruuf kutannoo qabdi, keessumaa ummata saaxilamoo ta’an kan akka baqattootaa fi koolu galtoota biratti,” jechuun Nam ibseera.
Mooraa baqattootaa Dadaab, Naayiroobii irraa gara bahaatti gara kiiloo meetira 470 fagaatee, naannoo daangaa Somaaleetti kan argamu yoo ta’u, yeroo ammaa baqattoota 382, 000 ol kan keessummeessu yoo ta’u, harki caalaan isaanii Somaaliyaa irraa kan dhufanidha.
Mooraa baqattootaa Kakumaa, Naayiroobii irraa gara kaaba dhihaatti tilmaamaan kiiloo meetira 720 fagaatee, naannoo daangaa Sudaan Kibbaatti kan argamu yoo ta’u, baqattoota 286,000 ol kan jiraataniidha. Hedduun isaanii Sudaan Kibbaa fi biyyoota ollaa biroo irraa kan dhufaniidha.
Baqattoonni hafan kuma kudhaniin lakkaa’aman magaalota akka Naayiroobii, Moombaasaa fi Naakuru keessatti babal’ataniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

