ONM-ABO Guraandhala 19, 2024
Sudaan keessatti erga waldhabdeen kun ka’ee beelli fi hanqinni nyaataa cimaan baay’ee dabaleera.
Rakkoon waraanaa Sudaan keessatti mudate naannichatti waan rifachiisaa uumeera.
Rakkoon kanaanis yoo xiqqaate namoonni miiliyoona 25 ta’an beelaa fi hanqina nyaataa olka’aa dhufeen rakkachaa akka jiran Sagantaan Nyaata Addunyaa Mootummoota Gamtoomanii har’a akeekkachiiseera. Maatiin kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’anii daangaa ce’anii gara Chaad fi Torbanitti Sudaan Kibbaatti godaananii jiru.
“Dhiibbaan waldhabdee kanaa biyyoota sadii – Sudaan, Sudaan Kibbaa fi Chaad – kan hammate yoo ta’u, rakkoo buqqa’iinsa addunyaa irratti isa guddaa uumeera. Waraanni kun erga eegalee waggaa guutuuf kan deemu yoo ta’u, lakkoofsi maatii daangaa ce’anii baqatan gadi bu’aa hin jiru.
Ijoollee fi dubartoonni gara Sudaan Kibbaa ykn Chaaditti qaxxaamuran beela’anii qabeenya tokko malee dhufaa jiru,” jedhan Maayikeel Daanfoord, Daarektarri Naannoo WFP Baha Afrikaa, magaalaa daangaa Sudaan Kibbaa Reenk irraa, bakka namootni miliyoona walakkaa ta’an lola baqachuun qaqqaban irraa.
Sudaan keessatti erga waldhabdeen kun ka’ee beelli fi hanqinni nyaataa cimaan baay’ee dabaleera. Biyyattii keessatti namoonni miiliyoona 18 ta’an kanneen nyaata hin qabne yoo ta’u, daa’imman Sudaan umriin isaanii waggaa 5 gadi ta’e naannoo miliyoona 3.8 ta’an hanqina nyaataa kan qaban ta’uu ibsameera. Irra caalaan isaanii naannoo lola sochii qabu kan WFP fi dhaabbileen gargaarsaa biroo qaqqabummaa wal irraa hin cinne eeguuf rakkachaa jiran keessatti qabamaniiru. Kanneen miliquu danda’an gara iddoowwan akka Sudaan Kibbaa ykn Chaaditti baqachaa jiru, kunis biyyoota lamaan keessatti haalli namoomaa duraanuu hamaa ta’e dabaleera.
Warri har’a Sudaan Kibbaa galan maatii reefuu raashina cicciramee fi beela garmalee waliin rakkachaa jiranitti makamaa jiru. Daa’imman mooraa yeroof geejjibaa keessatti dadhaban biratti hanqinni nyaataa saffisaan dabalaa jira. Adeemsi WFPn ilaale akka agarsiisutti daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 gadi ta’e daangaa qaxxaamuranii gara Sudaan Kibbaatti seenan keessaa tilmaamaan dhibbeentaan 4 yeroo dhufan hanqina nyaataa qabu. Garuu, lakkoofsi kun daa’imman giddugala geejjibaa Renk naannoo daangaa Sudaan fi Sudaan Kibbaatti argamu keessa jiran biratti gara dhibbeentaa 25tti ol guddachuun, namoonni yeroo dheeraa mooraa yeroof jiraatan carraan hanqina nyaataa isaan mudachuu akka danda’u agarsiisa.
“Waldhabdeen kun yoo furmaata hin arganne, dhaabbilee gargaarsa namoomaaf qaqqabummaan daangaa hin qabne yoo hin kennamnee fi maallaqni yoo hin argamne, rakkoon kun daran hammaata,” jedhan Dunford.
“Maatii Sudaan keessa jiraniif deggarsa gochuu danda’uu qabna, rakkoon buqqa’iinsa addunyaa guddichi yeroo waqtii hir’inaatti dhihaachaa jirru gara balaa beelaatti akka hin jijjiiramne”.
Chaad keessatti erga waldhabdeen kun ka’ee as lammiileen Sudaan 553,000 ol ta’an, irra caalaan isaanii Daarfuur irraa baqataniiru. Daa’imman baqattootaa mooraa simannaa keessatti gara kilinika balaa tasaa fidaman keessaa gara dhibbeentaa 40 ta’an hanqina nyaataa cimaatiin rakkachaa akka jiran argameera. Mooraa baqattoota Sudaan hedduu Chaad keessatti argaman keessatti hanqinni nyaataa – mooraa waraana amma jiru dura turan dabalatee – ulaagaa yeroo hatattamaa WHO dhibbeentaa 15 ol ta’a. WFPn qabeenya hanqina qabu namoota haaraa dhufaniif dursa kennuu qaba ture, baay’een isaanii homaa tokko malee daangaa qaxxaamuraa jiru. Kana jechuun baqattoonni duraan turan kana booda gargaarsa hin argatan, ta’us garuu warra har’a dhufan caalaa haala gaarii irra jiraachuun dirqama miti.
Fedhiin nyaataa fi soorataa guutuu Sudaan, Sudaan Kibbaa fi Chaad keessatti ol ka’aa waan jiruuf balaan beela hamaa ta’e dhiyaachaa jira. Gargaarsi namoomaa murteessaa ta’us WFPn ji’oota jahan dhufaniif qaawwa maallaqaa gara doolaara Ameerikaa miiliyoona 300tti siqu isa mudateera jechuun africa-newsroom.com gabaaseera.

