Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sudaan waraana biyya keessaa waggaa tokkoof ture yeroo kabajjutti kufaatii fi beelaaf qarqara akka jirtu ifoome

ONM-ABO Ebla 16, 2024

Sudaan waggaa gaddisiisaa waldhabdee waggaa tokkoof ture yeroo kabajjutti, dhaabbileen gargaarsaa biyyattiin qarqara kufaatii fi beelaa irratti akka raafamtu akeekkachiisaniiru.

Dhaabbanni gargaarsa namoomaa fi misoomaa Islaam Relief haala Sudaan irratti suuraa cimaa kaasuun, beela jumlaa qarqara irra akka jirtu himeera.

Haalli Sudaan keessa jiru hamaadha, waldhabdee uumameen walqabatee daa’imman umriin isaanii waggaa 5 gadi ta’e miliyoona 2 dabalatee namoonni miliyoona 8.4 ol qe’ee isaanii baqachuuf dirqaman jedha ibsi kun.

Lakkoofsi sodaachisaa kun jiraatus deebii idil-addunyaa haala nama gaddisiisuun ga’aa ta’uu dhabuun isaa, karoora deebii namoomaa bara 2024 Sudaaniif hanga ammaatti maallaqaan gargaarame keessaa %5 qofa ta’uu ibsi Islamic Relief baaseen beeksisee.

Mariin sirnaa waraana Sudaan xumuruuf walakkeessa baatii Ebla keessa deebi’ee eegaluu mala jedhan ergamaan addaa Ameerikaa.

Daarektarri ejensii Sudaan Elsadig Eluur akka jedhanitti Waggaa darbe keessa biyyi koo gara jeequmsa, maraatummaa fi badiisaatti gadi bu’uu ishee, addunyaa biraa tuffatamtee argeera. jedhan.

Waldhabdeen Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan (SAF) garee humna waraanaa gartokkee Rapid Support Forces (RSF) waliin wal morkate kanan hawaasni  miliyoonaan lakkaa’amu qe’ee isaanii irraa buqqa’uu fi lammiileen nagaa lakkoofsa hin qabne du’uu ykn miidhaan cimaan irra ga’eera.

Komishinarri Olaanaan Mirgoota Namoomaa  Mootummoota Gamtoomanii Volker Turk ibsa Wiixata kaleessaa kennaniin, Sudaan keessatti jeequmsi daran akka hammaatu akeekkachiisaniiru.

Erga waraanni biyya keessaa jalqabee manneen, manneen barnootaa, hospitaalotaa fi caasaan siiviilii barbaachisoo ta’an kumaatamaan lakkaa’aman barbadaa’aniiru, “biyyattiin rakkoo namoomaa hamaa keessa galuun rakkoo buqqa’iinsa addunyaa irratti  dhiibbaa guddaa ta’e uumeera,” jedha waajjirri isaanii.

“Namoonni gara miliyoona 18 ta’an rakkoon wabii nyaataa cimaa kan isaan mudatu yoo ta’u, isaan keessaa miliyoona 14 daa’immani. Hospitaalonni dhibbeentaa 70 ol hojiirra  dhabamuun wal qabatee dhukkuboonni daddarboo dabalaa jiru,” jechuun Turk dabaluun dubbachuun CNN gabaaseera.

Exit mobile version