Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sudaan keessatti daa’imman miiliyona 3.7 hanqina nyaataa cimaaf saaxilamuu UN akeekkachiise

ONM-ABO Onkoloolessa 26, 2024

Rakkoon namoomaa Sudaan keessatti hammaataa dhufuun namootni miliyoonaan kan lakkaa’aman gargaarsa hatattamaa akka barbaadan taasiseera jechuun UN Jimaata kaleessaa ibsa baaseen daa’imman miliyoona 3.7 hanqina nyaataa cimaaf saaxilamuu isaanii akeekkachiiseera.

Dhaabbanni baqattootaa  Mootummoota Gamtoomanii (UNHCR) fi Fandii Daa’immanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) ibsa waloo kennaniin, “Daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta’e bara kana qofa hanqina nyaataa cimaa hamaadhaan akka rakkatan tilmaamame miliyoona 3.7 ta’u, kanneen yaala lubbuu baraaruu hatattamaa barbaadan jiru,” jedhan.

”Ijoolleen kun duruu beelaan dadhabaniiru; yoo dafee hin dhaqqabamne daa’imman kunneen hiriyoota isaanii fayyaa ta’an Sudaan keessa jiran caalaa carraan dhukkuba ittifamuu danda’uun du’uu isaanii dachaa 11 ta’a,” jechuun ibsi kun akeekkachiiseera.

Tajaajila barbaachisoo kanneen akka bishaan qulqulluu, eegumsa fayyaa, fi bakka jireenyaa argachuuf hanqinni guddaan akka jiru ibsichi ni mul’isa.

“Kufaatii bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo ta’an yeroo arginu, deebii idil-addunyaa hamma fedhii guddaa ta’een walsimsiisuuf hatattamaan cimuu qaba,” jechuun dabaleera.

Walakkeessa Ebla bara 2023 irraa eegalee waraanni Sudaan fi Humni Deggarsa Saffisaa (RSF) waldhabdee kana irratti bobba’uun lubbuun namoota 20,000 ol fi lakkoofsi namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’anii fi baqattootaa miliyoona 10 ol ta’uu UN ibseera jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version