Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dhaabbanni Gargaarsaa daa’imman Siiriyaa 400,000 ta’an gargaarsa hir’ateen ‘hanqina nyaataa cimaaf’ saaxilaman

ONM-ABO Ebla 17, 2025 

Dhaabbanni baraarsaa daa’immanii Save the Children Roobii kaleessaa akka jedhetti daa’imman Siiriyaa 400, 000 ol ta’an Ameerikaan gargaarsa erga dhaabde booda balaadhaaf saaxilamuu ibse.

Bujar Hoxha,Siiriyaatti Daarekterri Save the Children’s Buujar Hookshaa ibsa hawaasni addunyaa qaawwa maallaqaa hatattamaan akka guutu gaafateen, fedhiin “yeroo kamiyyuu caalaa ol’aanaa” ta’uu akeekkachiiseera.

“Amma daa’imman Siiriyaa 416,000 ol ta’an gargaarsa biyya alaa tasa dhaabuu hordofuun hanqina nyaataa cimaa keessa jiru,” jedheera.

Haalli gargaarsa addunyaa kun erga prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp jalqaba bara kanaa Ejensiin Misooma Idil-addunyaa Ameerikaa akka diigamu ajajanii as haala hamaa keessa galeera.

Bulchiinsi isaanii sagantaalee gargaarsa namoomaa USAIDn maallaqaan gargaaraman keessaa dhibbeentaa 83 haqee jira.

Ejensichi baajata waggaa doolaara biiliyoona 42.8 kan qabu yoo ta’u, kunis gargaarsa namoomaa addunyaa waliigalaa keessaa dhibbeentaa 42 bakka bu’a jechuun AFP’n gabaaseera.

Exit mobile version