ONM-ABO Hagayya 7, 2025
Beelli daa’immanii fi busaa hamaan dabalaa dhufuun kibba lixa Itiyoophiyaa keessatti dhaabbilee gargaarsa namoomaa rakkon humna ol ta’aa jira jedhu. Sababni isaas hir’inni gargaarsaa sagantaalee soorataa fi ittisa dhukkubaa biroo akka cufaman dirqisiisa jechuun Dooktaroota daanga maleeyyii Doctors Without Borders (maqaa gabaabduu afaan Faransaayiin MSF jedhamuun beekamu) akeekkachiiseera.
MSFn Roobii kaleessaa akka jedhetti, daa’imman gara wiirtuu nyaataa isaa kan mooraa baqattootaa Kulee naannoo Gaambeellaatti argamutti bara darbee wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 55n dabaluu isaa kan ibse yoo ta’u, daa’imman hedduun isaanii mooraa naannoo isaanii jiran irraa kan dhufan ta’uu ibseera.
Maallaqni hir’ichuun mooraa baqattootaa naannichaa torba keessaa afur keessatti tajaajilli nyaataa cufamuu jechuudha. MSF akka jedhetti, “daa’imman umriin isaanii waggaa shanii gadi ta’an naannoo 80,000 ta’an hanqinni nyaataa lubbuu isaanii balaadhaaf saaxiluu danda’u” jedheera.
Biyya Afrikaa keessatti baay’ina ummataan sadarkaa lammaffaa kan uummta miliyoona 130 qabdu Itoophiyaan naannoolee gurguddoo ishee lama keessatti walitti bu’iinsa hidhannootiin waldhabdee keessa jirti.
Kibba Lixa impaayerattii Gaambeelli Sudaan Kibbaa waliin kan daangeffamtu yoo ta’u, mataan ishee jeequmsa guddaa dabaluu fi sagantaalee idil-addunyaa lafee dugdaa eegumsa fayyaa biyyattii ta’aniif maallaqa hir’isuun ishee mudateera.
Naannichi yeroo ammaa baqattoota 400,000 mooraa torba keessa gaaddisa kan kennu yoo ta’u, baay’een isaanii lammiilee Sudaan Kibbaa ta’uu ibsameera.
Daawwannaan dhukkubsattoonni mooraa baqattootaa Kulee bara 2024 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gara dhibbeentaa 60n dabaleera.
Dhaabbanni miti mootummaa kun baatii Adoolessaa keessa akka jedhetti lakkoofsi dhukkubsattoota busaa tilmaamaan dhibbeentaa 125n dabaluu isaa gara namoota 24,000 kan ta’u, ji’a darbee wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu, dhukkubsattoota kana keessaa walakkaan isaanii mooraa baqattootaa ollaa irraa kan dhufaniidha.
“Kun baqattoota duraanuu saaxilamoo ta’anii fi haalli jireenyaa garmalee dhiphachuu fi qulqullina naannoo daangeffame irraa kan ka’e bookee busaan saaxilamummaa guddaan isaan mudatuuf balaa guddaa fida,” jedhan itti aanaan qindeessaa yaalaa MSF Birhanu Sahile jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

