ONM-ABO Muddee 15, 2024
Namni tokko Sanbata galgala bidiruun godaantootaa Qereet qarqara galaanaa lixuu isheetiin du’uu isaa eegduun qarqara galaanaa Giriik himaniiru. Balaa kanaanis namoonni 40 kan dhabaman yoo ta’u, namoonni lubbuun hafan 39 baraaramuun isaanii gabaafameera.
Bidiruun kun kibba dhiha odola kanaa irraa maayilii galaanaa 12 fagaatee akka seente ERTNEWS kan namoonni 40 akka dhabaman gabaase ibseera. Halkan walakkaa booda bidiruun kun erga garagaltee booda galaana kibba odola Gavdos keessatti hojiin baraarsaa guddaan hojjetamaa jiraachuu eegduun qarqara galaanaa beeksiseera.
Helikooptaroonni Xaaliyaanii bakka sanatti socho’aa kan turan yoo ta’u, dooniiwwan dabalataa gara naannoo sanaatti qajeelaa turan.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka jedhanitti namni biraa helikooptaraan gara hospitaalaa magaalaa Chaaniyaa kan Qereet jedhamtutti geeffamee yaala cimaa keessa seenuu himaniiru.
Giriik bara kana walumaa galatti lakkoofsi godaantota gara waraanaa fi hiyyummaa seenaniin, baqatan dhibbeentaa 25n kan dabale yoo ta’u, gara Roodis fi kibba baha Eejiyaatti dhibbeentaa 30n dabaluu isaa ministeerri godaansaa beeksiseera.
Torban darban keessa balaawwan wal fakkaatan hedduun mudataniiru. Kan dhumaa dhuma baatii Sadaasaa keessa godaantonni saddeet, isaan keessaa ja’a daa’imman umuriin isaanii hin geenye, kaaba odola Saamos, daandii kontirobaandii namootaa yeroo baayyee itti fayyadaman irratti du’aniiru jechuun magaalaa Ateens irraa AFPn gabaaseera.

